Sunday, October 18, 2015

HomeNews
Godina Arsii magaalaa Dheeraatti namoonnii 50’n hidhaman.
OMN:Oduu Onk.07,2015 Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa Dheeratti, namoonni shantama hidhamuu isaanii himame.
Manniin jiraattotaa kudha afur ammoo diiggamaa akka ooles, jiraattonni OMN tti himan.
...
Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa Dheeraa keessatti, tibba kana ijaarsa seeraan alaa manniin jechuun, wayta bulchitoonni aanichaa manniin jiraattotaa diigaa turanitti, mormii ka’een lubbuun namootaa darbee ture.
Qondaalota mootummaa biyya bulchaa jiruun, diggamiinsi manneenii guyyaa hardhaa jechuun Onkololeessa 7 bara 2015 itti fufee akka ooles jiraattonni magaalatii dubbatanii jiru.
Manniin jiraattotaa wayta diiggamaa jirutti, manni keenya nu jalaa diiggamuu hin qabu jechuun, jiraattonni mormii dhageesisaniin, haga ammaatti namoonni hedduun, humnoota poolisii Federaalaatiin qabamanii waajjira buufata poolisii magaalaa Dheeraa keessatti hidhamuu isaanii jiraataan magaalatti tokko OMN tti himan.
Bulchitoonni aanichaa manniin jiraattotaa diigaa jiraachuu itti fufanii jiru kan jedhan namni kun, guyyaa hardhatis manneen kudha afur jiraattota jalaa barbadaayee jira.
Jiraattonni magaalaa Dheeraa manneen isaanii diiggamee ture hedduun, qabeenyaa fi manni isaan ijaaratan waan jalaa manca’eef, mufii qaban dhageesisaa akka jiranillee namni kun dubbatanii jiru.
Wayta ammaa kana magaalaan Dheeraa poolisoota Federaalaatiin guutaamntee waan jirtuuf, namoonni socho’uudhafis rakkataa jiru jedhan.
Namni kun akka nuuf himanitti, rakkoolee magaalaa Dheeraa keessatti dhalatee jiru ilaalchisee, jiraattonni magaalattii gara qaama dhimmi ilaalutti iyyachuufillee caarraa hin arganne jedhan.
Jiraattonni kun akka himaa jiranitti, manneenii fi qabeenyi isaan horatan, osoo ijaan argaa jiranitti manca’uu hin qabu jechuun wayta mormii dhageesasanitti, qaama isaan dhagahuu fi, furmaata kennuuf dhabanii rakkataa jiru.
Magaalaa Dheeraa keessatti, haalli ammaan kan muldhataa jiru gar-malee yaaddessaadha kan jedhan namni kun, sa’aatii murtaayeen alatti namni kamuu magaalaa keessa socho’uu akka hin dandeennes ibsanii jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun, Onkololessa 5 bara 2015 ijaarsa seeraan alaa manneenii jechuun, wayta bulchitoonni aanichaa manniin jiraattotaa diigaa turanitti mormii dhalateen, namoonni sadii lubbuun darbuu isaanii kan jiraattonni himan gabaasnee turreerra.
Usmaan Ukkumeetiin gabaafame.
‪#‎BECAUSEIAMANOROMO‬#OROMOPROTEST#OROMOPROTESTSETHIOPIAFINFINNEE MASTER PLANUN

Friday, April 10, 2015

Ethiopia Bloggers Evidence Doesn’t Back Charges, Lawyer Says

By William Davison
Zone-9(Bloomberg) — Ethiopian prosecutors have failed to present evidence relating to charges that a group of bloggers and journalists support terrorism, a defense lawyer at the latest court hearing said.
Six members of the Zone 9 blogging group and three freelance journalists were charged in July at the Federal High Court in Ethiopia’s capital, Addis Ababa, for working with banned organizations such as the U.S.-based Ginbot 7, which the Horn of Africa nation categorizes as a terrorist group. A witness on Wednesday testified that police last year collected a political manifesto from a Health Ministry office, where one of the defendants worked, lawyer Ameha Mekonnen said.
“No witness is brought who has either direct or indirect knowledge of the material element of the charge,” Ameha said in an interview. “The witnesses are here to prove that there was no maltreatment or pressure when the search was conducted.”
The defendants are the latest government critics to be tried under Ethiopia’s 2009 anti-terrorism law, which the U.S. has said is being used to criminalize legitimate dissent. Ethiopian officials reject the accusation.
The manifesto collected was for a “peaceful” political party led by the author Lencho Lata, a former head of the rebel Oromo Liberation Front, Ameha said. All of the other evidence filed to the court by prosecutors is of a similar public nature, he said.
Prosecutors will get a final chance to present witnesses when the trial resumes on May 26, Ameha said.

DIRAAMAA” FINCILA DIDDAA GARBUMMAA

 Note: This a must listen to drama.
Asoosesee kan seenessu—-Kumsaa dha
Kaayyon isaa —————– Uummata Oromoo tokkoomsufi. Sabboonummaa fi absoo bilisummaa jajjabeesufi. Rakkina ilmaan Oromoo gad baasufi falli isaa tokkummaan kanee lolachuu akka taye ibsuufi.
Yaadannoon isaa————-Ilmaan Oromoo qabsoo irratti, mana hidhaatti, otoo  biyyaa baqachaa deemanuu karaatti dhumaniif haa tawu.
Qabiyyee – rakkinni ilmaan Oromoorra jiru waan eexoo caala adhaa’aa deemef, gaafa barattoonni Ambotti hiriira nagaa bayanii sagantaa diinni dhala Oromoo lafarraa balleessuf baafate “Maastar pilaanii” balaleeffatan yoo waraana itti erganii fixan barataan umbarsittii Finfinnee birmatee dhaqee yoo tumsuuf qabanii mana hidhaa Qaallittiitti hidhani.
 p1010735Sababiin rakkina ilmaan Oromoo “Tokkummaa” dhabuu akka tayee waan beekuf, uummata akkana baay’atu tokkoomsun dirqama kiyya tawuu qaba jedhee kutatee ka’e.
Yaada isaa sabboontota Oromootti erginaan sabboontonni jajjabeessanii, uummata Oromoo bakka hundaa, kabaa amma kibbaatti, bayaa amma lixaatti, biyya keessaa amma biyya ambaatti tokkummaan kaasani.
Walgayii “Fincila diddaa garbummaa” magaala Oromiyaa, Finfinnee, Hurufa Boonbitti waame.
Hawaasni Oromoo biyya jiran hundaa, bayaa amma lixaatti kaabaa amma kibbaatti biyyoolessa keessa jiraatanitti addabaabayiitti bayaniiti Hurufa Boonbitti “sikaaypiin” wal qunnaamaa, yaada isaanii uummataaf dabarsaa, isa biyyaa darbu doowwachaa oolani.
Waan Hurufa Boonbitii dabarsaa jiran uummanni TV fi raadiyoonin ordofa.
Rakkinni ilmaan Oromoo maal maal akka taye irratti dubbatani.
Uummanni Oromoo tokkummaatti amanee of bilisoomsuf murteesse.
————————————————————————————–
Kabajamtootaa, waanan kitaaban kitabe isin hundaan gawuu hin dandeenyef, akka “diraamatti” qopheessee isinii tamsaasuf dirqameera. Gabaabsee dhiyeessuf yaaden ture. Garuu, yoon kana caala gabaabse ergaan isinii dabarsuuf yaade guututti dabarsuu hin dandeenye. Kanaafuu, naaf obsaa, akkuma yeroo argattanitti akka naaf dhaggeeffatan isinin afeera. Yaada yoo naa kennitanis gara fuulduraatti akkan itti jabaadhu na gargaara.

Thursday, April 2, 2015

Rakkinni ummata Oromoo, Mootummaa Walaba Oromiyaa ijaaruudhaan furmaata argata malee, umurii cunqursaa fi saamichaa Oromoo irratti dheereffatuuf filannoo dharaa Wayyaaneen geggeessituun miti

Saartuu Magarsaa irraa | Bitootessa 27, 2015
Sirna dimookraasii jechuun, sirna mootummaan ummataa, ummataan, ummataaf ittiin ijaaramu jechuu dha. Sirni dimookraasii kun, mootummaa ummataa, ummataan ijaaramee ummataaf hojjetu argamsiisuu kan danda’u, mirgi yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuu,  mirgi bilisa ta’anii socho’anii ummata dammaqsuu, mirgi ijaaramuu fi ijaaruu, mirgi siyaasaa kan dhaaba siyaasaa fedhan deggeruu fi mormuu, mirgi siyaasaa kan filuu fi filamuu, mirgi hiriira nagaa bahuun imaammata mootummaa ykn dhaaba siyaasaa  deggeruu ykn mormuu, mirgi sabquunnamtiitti walqixa dhimma bahuu, mirgi seeraan tikfamuu fi kkf yoo kabajame fi hojii irra oolfamee dha.
Sirni dimookraasii, mootummaa: ummataa, ummataan ijaaramee ummataaf hojjetu ijaaruu kan danda’u, seerri hundaa ol ta’ee hundi seera duratti walqixummaan yoo ilaalame fi qaammi filannoo hoogganu, qindeessuu fi murtii sagalee ummataan darbe labsu, ummata bal’aa fi dhaabota siyaasaa filannoo irraa hirmaatan hunda biratti fudhatama yoo qabaatee dha. Sirni dimookraasii, mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf argamsiisuu kan danda’u, dhaaboti filannoo keessatti dorgommii siyaasaa godhan, dhaaba isaanii keessatti kan sirna dimookraasiitti amanan fi ittiin bulan yoo ta’e ,imaammata ummata bal’aa biratti deggersa qabu qabaatanii ummatatti kan dhiyaatan yoo ta’e fi ummati akka isaan filu abdii irraa qabaatanii ummati bilisa ta’ee fuulduree isaa akka murteeffatu yoo itti amanan qofa.
Sirni dimookraasii, mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf ijaaruu kan danda’u, murtii filannoodhaan godhame irratti falammii dhalatu qaammi murtii irratti kennu, kan ummataa fi dhaabota siyaasaa filannoo irraa hirmaatan fi filannoo irraa komee qaban biratti fudhatama qabu ta’uu qaba. Sirni dimookraasii: mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf ijaaruu ykn oomishuu kan danda’u, dirreen siyaasaa, dhaabota siyaasaa filannoo irraa hirmaatan hundaaf walqixa yoo ta’ee fi qaammi dhaabota siyaasaa galmeessuu fi dorgommii filannoo keessatti akka hirmaatuuf hayyama kannu kan dhaaba siyaasaa kamiifuu hin baabsine yoo ta’e qofa. Sirna dimookraasii keessatti, filannoon gochaa ykn hojii guyyaa tokkoo ykn lamaa osoo hin taane, gochaa ykn hojii adeemsa hedduu fi dheeraa of-keessaa qabuu dha. Sirna dimookraasii dhugaa keessatti, kan ilaalamuu fi faarfamuu qabu, filannoon geggeeffamuu isaa qofa osoo hin taane, jalqabaa irraa hanga dhumaatti adeemsa filannoon ittiin geggeefamu dimookraatawaa fi kan seera filannoo kabaje ta’uu isaatiini.
Sirni dimookraasii, mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf argamsiisuu kan danda’u, adeemsi filannoon ittiin geggeeffamu jalqaba irraa hanga dhumaatti dimookraatawaa ta’uu isaa dhaaboti siyaasaa filannoo irraa hirmaatan kan itti quufan yoo ta’e, adeemsi kun kan sirna dimookraatawaa hordofe fi daangaa tokko malee ummata hirmaachisu ta’uu qaba. Ummata lakkaawuu, naannoo bakka bu’ooti ummataa irraa filaman murteessuu, filannoof galmeeffamuu, nagummaa ummata filannoo irraa hirmaatuu tiksuu, meeshaalee filannoo gahaa yeroodhaan buufata filannoo dhaqabsiisuu, hanga sagaleen ummataa lakkaawamutti seerri filannoo dimookraatawaa ta’ee fi dhaaboti filannoo irraa hirmaatan itti quufan yoo hordofame qofa. Sirni dimookraasii, mootummaa: ummataa, ummataan, ummataaf ijaarame argamsiisuu kan danda’u, dhimmi murtii ykn filannoo ummataaf dhiyaatu, dhimma mootummaan ummataaf murteessee ummatatti dhiyeessu osoo hin taane, dhimma ummati sagalee irratti kennachuu barbaadu kan of keessatti haammate yoo ta’e qofa.
Sirna dimookraasii seerota armaan olii guutatee filannoo geggeeffameen: hoogganoota filaman, mootummaa ijaaramu, qoondaalota waajjira mootummaatti ramadaman, murtii qondaalota kanneeniin darbu, imaammata murtaahu, heera tumamu , seera bahu, ajaja fi qajeelfama darbu qofatu ummata biratti  fudhatama qabaatee seerawaa ta’a. Hoogganoota, mootummaa, fi qondaalota sirna dimookraatawaa seerota armaan olii guutateen filaman irraa ummati ajaja fudhachuuf dirqama. Mootummaa sirna dimookraasiitiin filameen imaammata tolfamu qofa kan ummati hojii irra oochuuf dirqamu. Mootummaa sirna dimookraasiitiin ijaarame qofaaf kan ummati katoo (tax) kaffaluuf  dirqamu. Heera fi seera, mootummaan sirna dimookraatawaan ijaarame tumu qofa kan ummati ittiin buluuf dirqamu. Hoogganoota, mootummaa, fi qondaalota adeemsa dimookraatawaan waajjira mootummaa hin seenne, heera, seera fi imaammata sirna dimookraatwaan hin tolfamne irratti fincilee of irraa kaasuuf ummati mirga seera addunyaan kabajame qaba. Mootummaan, hoogganni, heerri, seerri fi imaammati ummati ittiin buluu qabu, kan fedhii isaatiin murtaahe yoo ta’e qofa.
Sirna dimookraasii keessatti, kan sagalee guddaa argatutu filamee mootummaa ijaara; heera fi seera tolcha; ummati hiree isaa akka murteeffatuuf hayyama waan ta’eef, mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa Wayyaaneedhaan hoogganamu baay’ina ummata Oromoo irraa sodaa guddaa qaba. Sodaa qabuuf jecha, ummata Oromoof waltajjii bilisa kan dorgommiin siyaasaa bilisa ta’e keessatti geggeeffamu hayyamee hin beeku. Bara 1991-1992tti, bara mootummaa cehumsaa keessatti hirmaate, ABO’n ummata Oromoo harka 90 akeeka walabummaa Oromiyaa fudhachiisuudhaan of-jala hiriirsuu danda’ee ture. Kun humna filannootti jijjiiramee ummati Oromoo hiree isaa salphaatti akka murteeffatu kan godhuu danda’u ta’uu  fi kun ammoo, akeeka sirna: gabrummaa, cunqursaa, saamichaa, ajjeechaa, hidhaa fi kkf Oromoo irratti diriirsuuf  Wayyaaneen qabdu fashalsuuf irree cimaa akka qabu  oggaa hubatu, mootummaan Wayyaanee, ABO dhiibee mootummaa cehumsaa keessaa baasuudhaan dorgommii siyaasaa dharaa impaayera Ixoophiyaa keessatti qindeessuun qofaa isaa fiigee qofuma isaa mohuun haga har’aa jiraate.
Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa, kan  Wayyaaneedhaan hoogganamu, haga ammaatti, filannoo afur haa geggeessu malee, filannoon isaa kun hundi, adeemsa dimookraatawaa, kan ummati walaba ta’ee, dhaaba walaba kan mataa isaa ijaarratee keessatti hirmaataa ture waan hin taaneef: hoogganoota, mootummaa, qondaalota, heera, seera, imaammata, murtii fi qajeelfama fedhii ummataa irraa madde argamsiisee hin beeku. Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa, dhimma ummati Oromoo sagalee irratti kennachuu barbaadu osoo hin taane,  umurii sirna gabrummaa, cunqursaa fi saamichaa  ittiin ummata Oromoo fi biro irratti  dheereffachuuf kan isa gargaaru qofa murteessee ummati sagalee akka irratti kennatu kan dirqaa ture waan te’ef,: mootummaa, heera, seera, hooggana, imaammata fi qajeelfama dantaa ummata Oromoo kabachiise argamsiisee hin beeku. Ummati Oromoo fi Oromiyaan, dhuma jaarraa 19ffatti, afaan qawweetiin , kiyyoo gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti  waan kufeef,  mirgi hiree murteeffannaa isaa kabajameefii mootummaa walaba Oromiyaa ijaarratee : bilisummaa, nagaa, badhaadhina fi gammachuun jiraachuuf  jaarraa tokko oliif gaafataa jira malee filannoo dharaatiin mootummaa gabroomfataa of irratti jijijjiruuf waan hin taaneef, filannoon Wayyaanee, filannoo ummati Oromoo hiree isaa irratti murteeffachuu danda’u ta’ee hin beeku. Dhugaatti, sirna dimookraasiitti amanuun yoo jiraate, filannoo dhugaan, ummati Oromoo Mootummaa Walaba Oromiyaa ykn tokkummaa Ixoophiyaa keessaa akka filatuuf hayyamuu dha.
Mootummaan Impaayera Ixoophiyaa kan Wayyaaneedhaan hoogganamu fi haga ammaatti filannoo dharaatiin ijaarame, kan ilmaan Oromoo: ajjeesee karaa irra harkisaa jiru, ajjeesee irbaata allaattii fi warabessaa taasisaa jiru, kan ilmaan Oromoo gabaa keessatti fannisaa jiru, kan ummata Oromoo ajjeesee lafeen isaanii bosona keessatti akka dhukkaahu godhe, egeree Oromiyaa kan  ta’an qeerroo Oromiyaa mana barnootaatii hari’aa kan   jiru,  kan ummata Oromoo kuma dhibba tokkoo  ol mana hidhaa keessatti guraarsaa jiru, kan ummata Oromoo kuma hedduu lafa isaa irraa buqqisee bakkeetti facaase, kan ummata Orooo kuma hedduu kooluu galche, kan ummata Oromoo: beela, hiyyummaa fi dhukkubaan fixaa jiru, kan lafa Oromoo saamee gurgurataa jiru, kan ijoollee: haadhaa fi abbaa malee hambise, kan haadha manaa, abbaa manaa malee hambise,  kan abbaa fi haadha jalaa ijoollee facaasee gargaarsa malee hambise, kan bosona Oromiyaa dhabamsiisee Oromiyaa gammoojjummaaf saaxile fi bineensa bosona Oromiyaa biyyoota ollaatti baqachiise, kan nagaa fi mirga ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa jeeqaa jiru, kan humna  fi qabeenyaa ummata Oromoo saamaa jiru, kan mirga: filuu, filamuu, ijaaramuu, yaada ofii ibsachuu, dhaaba fedhan deggeruu ykn mormuu, seera duratti walqixxummaa qabaachuu ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo hunda dhiitee irraa deemaa jiru, qabsaawota walabummaa Oromiyaa qabsoo irratti wareegaman fi hidhaman “hattuu” ittiin jechuun walabummaa Oromiyaaf qabsoo ummati Oromoo geggeessu tuffachaa jiru,   qabeenyaa fi lubbuun isaa akka tikfamuuf mirga ummati Oromoo qabaachuu malee dhiitaa kan jiru, kan gochaa shanyii duguuginsaa ummata Oromoo, Gambeelaa, Beenishaangul, Sidaamaa, Walaayitaa, Kafichoo, Ogaaden, Affaar fi kkf irratti raawwachaa jiru waan ta’eef, filannoon Wayyaaneedhaan hoogganamu, mootummaa ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo  Impaayera Ixoophiyaa argamsiisee hin beeku; filannoon isaa kunis, waltajjii  ummatni Oromoo fi ummattooti Impaayera Ixoophiyaa irratti hiree isaanii murteeffatan ta’uu hin dandeenye.
Mootummaan Wayyaanee, uumaa fi  imaammataan, akeeka jibbansa fi tuffii ummata Oromoo, akkasumas,  saamicha Oromiyaa irratti kan ijaarame waan ta’eef, filannoon qaama kanaan geggeeffamuuf deemu, akkuma arma duraa: hooggana, mootummaa, qondaalota, heera, seera, imaammata, qajeelfama fi caasaa ittiin ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa biroo : cunqursu, saamu, salphisu, ajjeesu, mana hidhaatti guru, qeyee isaa irraa buqqisee lafa isaa gurguratu, barattoota egeree biyyaa ta’an mana barnootaa keessaa hari’u, ummattoota hiyyoomsu, dhukkubaan fixu, nagaa ummattootaa ittiin jeequ, akkasumas, ummattoota: gosa, amantii fi naannoon kan  wal-lolchiisu oomishachuu irratti kan qiyyaafatee dha.
ummati Oromoo fi ummattooti cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa hundi, gaaffiin isaanii, qabsoon walabummaa   yoo galma gahe qofa deebii kan  argatu malee filannoo Wayyaaneetiin deebii argachuu akka hin dandeenye beekuu qabu. Walabummaan: biyyaa, nageenni, badhaadhinni fi gammachuun ummata Oromoo fi kan saboota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, keessattuu, injifatnoo qabsoo walabummaa Oromiyaa irratti kan irkatu ta’uu beekee, ummati Oromoo, filannoo Wayyaanee irraa hirmaatuun, billaa ykn haaduu ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon hundi ittiin qalaman of-irrattqaratuu hin qabu. Ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa hundi,  filannoo wayyaanee irraa hirmaatuudhaan, waraabessa quufe fi waraabessa beela’aa keessaa filatuu hin qabu. Ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa, filannoo dharaa wayyaaneen qindeessaa jirtu irraa hirmaatuudhaan gabroomfattoota keessa filatuu hin qabu. Filannoo wayyaanee irraa hirmaachuun, cunqursitoota paarlaamaa Impaayera Ixoophiyaa  keessa taa’anii seera cunaqursaa fi saamichaa ummata irratti tuman keessaa filachuu dha.  Ummati Oromoo, filannoo Wayyaanee kan itti bahi isaa ykn bu’aan isaa ummata Oromoof: salphina, hiyyummaa, deega. tuffii, ajjeechaa, hidhaa, baqattummaa, qeyee irraa har’atamuu fi kkf ta’e kana irraa hirmaatuun haada ittiin fannifamu Oromoof bituu hin malle. Gaaffiin ummata Oromoo, gaaffii  abbaa biyyummaa, kan walabummaa Oromiyaa qofaan deebii argatu waan ta’eef, mootummaa fi hooggana farra qabsoo walabummaa Oromiyaa of-irratti filuudhaan qabsoo walabummaa Oromiyaa dura dhaabbachuu hin qabu. Filannoo wayyaanee irraa hirmaatuun, ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa biroon akka : ajjeeffaman,hidhaman, biyya har’aman, ijoolleen durbaa gudeedaman, jaarsaa fi jaartiin ilmaan isaanii duratti salphifaman, qotee bulaan Oromoo qeyee isaa irraa buqqifamu, humni dafqaan bulaa Oromoo akka saamamu, oomishi qotee bulaa Oromoo akka saamamu, beekaan Oromoo akka salphifamu, Oromoon hiyyummaa, wal’alummaa fi dhukkubaan Oromiyaa irraa akka dhabamsiifamuuf mootummaa  Wayyaaneef   hayyama kennuu waan ta’eef, ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa filannoo wayyaanee kana: lagatuu, dura dhaabbachuu, gufachiisuu, jeequun  fashalsuu qaba.
Filannoo wayyaaneen qindeessaa jirtuun, mootummaan fashistii fi nama nyaataa, akkasumas, mootummaan warabessaa fi bulguu ijaaramu, gochaa fashistummaa fi bineensummaa  ummattoota irratti akka hin raawwanneef: garaagarummaa akeekaan osoo hin daangeffamin, dhaaboti siyaasaa Oromoo fi kan  saboota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa hundi  filannoon Wayyaanee akka bakka hin geenyeef duula wal irraa hin citne godhanii ummatooti cunqurfamoon filannoo dharaa kana irraa akka hin hirmaanne godhuu irratti gahee seenaan irraa eegu taphatuu qabu. Matootiin: amantii, hawaasaa, miti mootummaa, firoottan Oromoo, ogeessoti fi beektonni Oromoo, jaaroleen Oromoo, dubartooti Oromoo, qotee bulaan, dafqaan bulaan, daldalataan, barsiisaan, barataan,  shammarranii fi dardarri Oromoo fi kan  saboota cunqurfamoo hundi, filannoo wayyaanee, mootummaa: gabroomsaa, cunqursaa fi saamichaa itti fufee oomishuuf deemu fashalsiisuu qaban. Ummatni Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa hundi, filannoo dharaa  hirmaannaa ummattootaa malee, yakka Ixoophiyaan ummattoota irratti hojjechuuf karoorfatte namoota bakkaan gahan mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa  ittiin filatuuf deemu kana dura dhaabbachuun qabsoo walabummaa ummattoota Impaayeera Ixoophiyaa shaffisiisuu fi   guyyaa itti mootummaa walaba mataa isaanii ijaarratan gabaabsuu qabu. Yeroo, humna, qabeenyaa, yaada, beekumsa fi ogummaa isaanii hunda, daandii walabummaa biyyaa irra qajeelchuun guyyaa itti bilisa ta’ee hiree isaa murteeffatu gabaabsuun, ummattooti cunqurfamoon  Impaayera Ixoophiyaa, ba’aa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa kan jaarraa tokkoo olii  irraa  boqotanii:  nagaa, kabajaa, badhaadhinaa fi gammachuu akka argataniif yoomuu caalaa amma Adda Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun qabsoo walabummaa  finiinsuu qabu.

Monday, March 23, 2015

High Ranking Woyane Agent killed in Ambo today

ambo-your-sacrifices-will-be-remembered-for-ever
The candlelight, the Ambo youth lit up with their blood, will never quench
March 23, 2015
As of 8:00 PM local evening time (or 1:00 PM EC) today, March 23, 2015, the town of Amo, Central Oromia, is under curfew, after a High Ranking Tigrean military agent was assassinated. The light in the city, has been turned off and the telephone lines were under strict surveillance, says Eyob Bayisa of Seife Nebelbal Radio who spoke with some residents. Unknown assailant killed, the Woyane agent in Qabale 2 and walked away a little bit before 8 PM. The residents of the city, who did not know what is going on, were stopped and searched, and their personal properties were seized, as usual, by security agents.
Only eleven months ago, at a mass demonstration in which over 27,000 people participated from Ambo and its surrounding  areas against the Addis Ababa Master Plan, TPLF’s Agazi elite military division killed 30  unarmed students and members of the general public. The mass massacre included distraught families arriving at the scene to collect the dead bodies of their sons and daughters including a child of nine.
More news to come.

Addis Ababa residents line up for cooking oil and sugar

line-up-for-cooking-oil-and-sugar
Ethiopians line up, in endless rows, for sugar, salt and cooking oil, while belligerent Woyaane regime is busy bombing Eritrean mines. Does this action indicate an attempt of deflection from internal crises? Have your say!

Saturday, March 21, 2015

My task which I am trying to achieve is, by the power of the written word, to make you hear, to make you feel – it is, above all, to make you see. That – and no more, and it is everything.” Joseph Conrad
We have been told many times over by the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF) aboutdevelopment in Ethiopia without understanding its meaning and significant impacts on democracy, economy, and social and human rights. As we know, there are many different definitions of development, understanding the term “development” is crucial since it has changed throughout history. The easiest way to define development, in our case, is to describe it in terms of the improvement of the life of the society – which is not happening as TPLF, Inc., wants us to believe. Development is not just only about economic growth, but about the elevation of the living standards of the whole society, and it should aim to create economic, social and political improvements so that all people can live dignified lives. It is good to have development for poverty alleviation, without excluding other social aspects – such as human rights, good governance and treatments of citizens fairly and equally without favouring one group or any group over the other for any reason.
The question is, when the development that TPLF, Inc. often trumpets is accompanied by violent processes causing immeasurable sufferings to citizens, including losses of lives, and immense destruction to their economic base, how would one have the moral standing to call it development? If the development, as the government claims, is in favor of the local people, why does the government not consult Oromo farmers, who are victims of this false development – before implementing its Plan? The fact is that the Plan is not in the interest of the Oromo people as it is aimed to rob them of their land, and make them mere bystanders as members of the ruling junta use the land to enrich themselves at the expense of the dispossessed Oromo mass.
The Plan, which TPLF has called the “Integrated Master Plan/IMP” – which was the cause for the losses of the lives of many Oromo university students and the massive evictions of Oromo farmers from their farm and home lands, is aimed to reduce Oromos to poor day-laborers and street beggars as witnessed over the last two decades. As one of the Oromo activists, who was among those who protested the Master Plan around Finfinne said, “the development programs of the EPRDF are simply means of marginalizing the Oromo people to consolidate the political power within the circle of the ruling junta.” The development, that has been claimed by TPLF, is not sustainable because only very few members of the society have got richer as the vast majority has got poorer by day.
If what we have been told about the development is the truth, why is Ethiopia ranked among the poorest countries in the world and only better than just one country, namely Niger? Why is poverty scale for Ethiopia the highest on the global poverty scale in 2014? Why is nearly ninety percent of the total population of the country struggling for their daily basic needs? The answer is simple; there is no meaningful development as it is one of the usual TPLF’s fabricated lies. In the same way the TPLF/EPRDF is used to fabricating false documents whenever they want to punish whoever has disagreed with their repressive rule, they also seem to be doing the same in the case of the development they claim; even as their development has not at all reflected in the lives of the larger society, they have continued to lie anyways.
AbayTsehaye2015
In spite of the country’s immense potential in manpower and natural resources, the marginalization of the majority from the development process, coupled with corruption that has become recklessly rampant at every level of the government structure, leaves any hope for meaningful development a pipe dream. Today, lack of food, poor health care, poor living standards and low quality education remain common problems in the country while the world stands shocked by the level and amount of capital flight out of the country, as often reported by the International Financial Integrity. I strongly believe that there is no positive thing to be expected for the Oromo people from TPLF and their lobby-boy outfits called OPDO. If anything, the recent moronic outburst by Abay Tsehaye threatening a rule by terror against the Oromo people, if the so called Oromo leadership fails to implement the Integrated Master Plan (or Intended Marginalization Plan of the Oromo people), is indicative of the best laid plan of uprooting and dispossessing the Oromo people from their ancestral lands; all with the intention and aim of making way for the expansion of TPLF cronies and family oligarchs at the expense of the Oromo people.
Abay Tsehaye was attributing the failure of the first-round attempt of the implementation of the evil Plan against the Oromo people about a year ago to failures by the OPDO leadership to be aggressive enough in its pursuit. By that, he was effectively mocking the blood of the Oromo martyrs who lost their lives, and those who have survived with physical disabilities and mental traumas sustained in the hands of the brutal TPLF-controlled Federal Police – for resisting the evil Plan.
Hawassa Burning
Immediately following the outburst of Abay Tsehaye came the footage of a section of the Hawassa city burning to ashes as did parts of Finfinne, Harar and Dire Dawa over the last five years, and that of the city of Bahir Dar just a few months back. The Hawassa fire came out as the most shocking due to the news of children perishing in it.
There is no magic fire that arises out of the blue to reduce parts of city after city to ashes without a human hand being behind it. And that devilish hand of arson belongs to none other than the agents of doom – the TPLF, Inc. – that much – all the peoples in Ethiopia know, and that the wider world has also learned enough about TPLF to know more than that this day. If anyone has doubts about that, it is self-evident when considering how the fire brigade turns up at the fire scenes after more than half the job of destruction was done by the fire; and in fact, that the fencing squad converges on the razed ground – almost before daybreak the next morning – to secure the land for TPLF members and cronies. The fact that all the fires, that broke out in the mentioned cities, had happened during nights also tells tales. TPLF, Inc. must be the only humanity in the world that happily self-aggrandizes and quenches greed by burning fellow citizens like insects as well as razing their livelihoods to ashes with impunity.
The Inglorious Abay Tsehaye
One can surely state that a single Oromo person can hardly be found to reside in any part of Tigry region as a layman, leave alone go there with authority to dictate what to do, or where or how to do anything in Mekele or any part of the Tigray region. But, here are Abay Tsehaye and gang – armed to the teeth and riding on the barrel of gun – wreaking havoc in Oromia region for nearly a quarter of century – seemingly unstoppable. Now, time has come to put a concerted and united front, with all oppressed peoples, to put these bigoted merchants of doom in their right place before it is too late as they seem to stop at nothing in their act of state terrorism and threat of committing genocide by irresponsibly mobilizing state power against the unarmed poor Oromos.
In conclusion, TPLF is fast self-defeating as they are busy killing their own image in the watching eyes of the world every time they kill and maim unarmed innocent poor people. By that, they have long promoted themselves to terrorist status even long before they have assumed state power. As they stand more recognised for their evil works and isolated than ever before, ours is to get our acts together and give them a little push to ensure that they will be consigned to the dust bin of history, and to be relieved of their sinister jobs against our country and its people.
Oromia shall be free!

QEERROO: Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaaffiin Ammaan Dura Gaafanne Waan Hin Deebineef Diddaa Nyaataa fi Barnoota Lagachuun Itti Fufan; Loltooti Wayyaanees Mooraa fi Naannicha Eeguu Jabeessan

Posted: Bitootessa/March 20, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Gabaasa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 20, 2015
QeerrooJimma2015_2
Bitootessaa 19, 2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jiraniif deebii sirriin nuuf kennamu qaba malee doorsifnii waraanaa, humnota tikaa fi poolisootaan nurratti godhama jiru deebii ta’uu hin danda’u nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyaa har’aa fincila nyaata lagachuu itti fufan.
QeerrooJimma2015_6
Goototni daragaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruuf doorsifni humna tikaa wayyaanee fi waraanaa nurratti gaggeeffamaa jiru deebii ta’uu hin danda’uu,jechuun fincila nyaata lagachuu fi barnoota lagachuun itti fufan, gaaffii keenyaaf warrii biyya bulchina jechaa Oromoo ajjeesisaa, hidhatti guursisaa fi dhiiga ilmaan Oromoo irraa dhaabachuun mootummaan keenya dimookiraatawaadha jechuun Filmaata sobaa wayyaanee keessatti hirmaachuun waan qabanii gadhiisan dhabaa jiran kanneen akka :
1. Muktaar Kadir dhufee Gaaffii keenyaaf Deebii kennuu qaba.
2. Dr. Kabaa Urgeessaa deetaan ministeera barnootaa presidentiin Yuunibarsiitii Jimmaa duraanii kan turee fi Yeroo amma kanatti mootummaa wayyaanee bakka bu’uun filannoo kijibaa Wayyaanee keessatti qooda fudhachuun wayyaanee Oromoo hidhaa, ajjeesaa, fi barattoota Oromoo barnoota irraa arii’achaa jiru bakka bu’uun miseensa mana maree bakka bu’ota uummataaf dorgomaa wayyaanee ta’uun kan duula filannoo gaggeessaa jiru, yeroo gabaabaa keessatti argamuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebii kennuu qaba jechuun barattootni Oromoo FDG nyaata lagachuun guyyaa har’aa jabeessuun itti fufan. Mootummaan wayyaanes Barattoota Oromoo qaroo qabeeyyii fi abdii uummataa ta’an doorsisuu fi waraanaa fi humna tikaa of harkaa qabuun doorsisuu itti fufe. Suuraan attach ta’e kun suuraa barattoota Oromoo nyaataa fi barnoota dhaabuun gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun qabsoo warraaqsa FDG itti fufani jiranidha.
QeerrooJimma2015_1
QeerrooJimma2015_3
QeerrooJimma2015_4
QeerrooJimma2015_5
QeerrooJimma2015_7
QeerrooJimma2015_8

Thursday, March 19, 2015

BREAKING NEWS | News Just In | QEERROO: Wallaggaa Aanaa Eebantuu Manni Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Qeelloo Irraa Barsiisotii fi Barattooti FDG Kaasan

Posted: Bitootessa/March 18, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)
Bitootessa 18, 2015 – Qeelloo
Godina Wallaggaa aanaa Eebantuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo keessatti barsiisoti Oromoo gurmuu barattootaa qabachuun gaaffii warraaqsaa kaasaniin FDG jabaan eegaluu irraa poolisoonni aanichaa fi milishoonni gadnaa marti jeeqama keessa galanii jiraachuu Qeerroon gabaasa. Haala kana irraa kan ka’e hanga ammaa barsiisoti Oromoo 7 fi barattooti lakkoofsaan hin beekamiin akka ergamtoota Wayyaaneen qabamanii jiran gabaasi nu gahe addeessa.
Diddaan barsiisotaa fi barattootaa Qeelloo erga eegalee bultii lama haa ta’u iyyuu malee kan har’aa sadarkaa ol aanaa akka ta’ee gabaasi nu gahe addeessa.
- Gaaffiileen mirgaa ka’an keessaa!
- Mormii master pilaniii “Addis Ababa” itti fufna!
- Abbaay Tsahaayyee uumata Oromoo fi eenyummaa Oromoo itti waan dhadateef seeratti haa dhihaatu!
- Oromiyaan ni walaboomti!
- Barsiisoti Oromoo yeroo barataan dhumuu fi hidhamu teenyee ilaaluu hin dandeenyu!
- Oromiyaan ni bilisoomti; Artisotoonni Oromoo hidhamanii fi biyyaa arihaman tatattamaan gara biyya isaanitti akka deebi’anii fi kkf ture!
Gama biraan magaalaan Naqamtee fi Yuuniversitiin Naqamtee waraana Wayyaaneen marfamee jiraachuun beekame, Waraanni naannichatti bobba’ani moraa Yuuniversitii cinaa qubatan dhalootaan Tigiroota ta’uu Qeerroon gabaasa, Ammatti network quunamtii magaalaa Naqamtee waan hirdhisaniif gabaasi gahaa dhihaachuu hin dandeen   hundee kenyaa bajirtuu tokkummadhaa  hafalifanu dhamsaa qerroo norwey iraa billisumman umaataa oromofi

Thursday, March 12, 2015

Oromian Parties Terminate their participation in May Elections

mayelection
In Oromia regional state up to six political parties have terminated their participation in the coming election because Ethiopian Election Board’s refusal to address their concerns. Whereas, the OPDO, the sitting organization rebuffs any concerns.
For the full Amharic program listen below:
http://amharic.voanews.com/audio/2673556.html
Source: Siitube

Friday, March 6, 2015

Oromia’s forests are burning, latest fire broke out in Hararge (Carcar)

Bitootessa 5, 2015
From all corners Oromia, Oromia forests are on fire! Bosonni Oromiyaa kan ibiddi ittin jirre hin jiruu, aboo iyyaa iyya dabarsaa! Wanni bosona fakkaata tan Oromiyaa keessaa tan ibiddaan waadamaan jirre nitakkataabar, oromoo walgaafadhaa!
Saanatee,Chilalo, Carcar. What area is next?
10171095_456191494535025_8229050855213236443_n
Carcar Xirroo fi Saaqata, lamaanuu bakka Wayyaaneen sodaattuu ibiddaan guyyaa kaleessaa yeroo walfakkaataatti gubataa oolan!shakkiin wayyaanee bosona Oromiyaa barbadeeysaa jirti!
11026213_456198951200946_8089509468276759277_n
Saaqata


Bosona Cilaalo

Bosona Cilaalo
Hexoofi Birbirsa
Saatofi. Ebicha
Xooshinefi xiidi
Mukoole qaqqaali
Umriin hinqabne madaalli
Lakkawe waa fixu
Gosti isaa Heddu
Umaan magaritu
Bonaa ganna qabdu
Badhaatu midhagdu
Teesso bineessota
Olibaate mul’dhatta
Qabeenya ummata
Oromoon lowwan itti olyaafata
Manas ittin ijaarata
Meesha qonnatille achirra tolfata
Yokaan nibobeefata
Kuni hojii diinati
Gocha salpha miti
Dawaa heddu qabda
Sodaa mo?hinaaffa?
Maalifi Sigubani?
Argaa sijibbani?
Misooma jedhani
Gemii taphatani
Yaa gaara Colaalo
Sirraa sodaatan moo?
Sitti Hinaafani?
Isaan woyyaanonni
Waa biyya hin qabani
Biyya tenya irratti abba nutti ta’ee

DIINNI waa nuhin hanbifanne
Nama, Sa’a, Bineessa, Muka hin jenne
Wolumatti. Qabee
Oromiyaa irraa nuballeessu dhimmame
Nuti kana hin fudhanne
Hin balaalefanne
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!

Wednesday, March 4, 2015

Yakka Godina Gujiitti Oromoorratti raawwatame

Bitootessa 3, 2015
Ummanni Oromoo erge humna waranaatin bittaa alagaa jalatti kufee kaasee ajjeechaa dabalatee yakki suukaneessaan bifa hedduu irratti raawwatamaa har’a gahe. Kanuma bara bittaa murna bicuu TPLF/EPRDF yoo ilaalle baroota kurna lamaan dabran keessa yeroo fi bakkoota adda addaatti ajjeechaan jumlaa, toorchariin namoom-dhabaan, saamichii fi qabeenya barbadeessuu raawwatame tarrifamee kan dhumu miti. Mootummaan wayyaanee borumtaa aangootti bahee kaasee miseensotaa fi deeggartoota ABO kan jedhuun sabboontota Oromoo hammana hin jedhamnerratti yakka suukaneessaa bifa hedduu raawwachuun gamatti miidhaa kana ijaa-gurra addunyaarraa balleessuuf dhoksuuf shira dabalataa xaxuun beekkama.
Dhugaan qal’attus hin cittu akkuma jedhan garuu dhugaan saba Oromoo barootaaf gabroomfattootaan ukkaamsamuuf tattaafatamaa bahe akka diinnonni yaadanitti awwaalamee hafuu hin dandeenye. Kanaaf ammoo ajjeechaan gaara Suufii, lafeen ilmaan Oromoo Hammarreessatti mul’atee fi gochaalee wayyaanee fakkaatoo addunyaaf ifa bahan tuquun ni danda’ama. Haalli quunnamtii fi fageenyaa ture ajjechaa saba Oromoorratti raawwatamu waggootaaf haa tursu malee, yeroo isaa eegee haqi ummata kanaa akka ifa bahu, dabi wayyaanee akka saaxilamu odeessi har’a nu dhaqqabu kanuma dhugoomsa.
Haaluma walfakkaatuun sirni nama-nyaataa wayyaanee bara 1994 hanga 2010tti Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti ilmaan Oromoo hedduu maqaa ABO waliin hidhata qabaachuutiin yakkee dararaa hamtuuf saaxilaa erga baheen booda ajjeesuu gabaasni dhihoo kana nu dhaqqabe ni addeessa. Kana ragaadhaan dhugoomsuufis eenyummaa fi teessoo ilmaan Oromoo badii malee mootummaa wayyaanetiin ajjeefaman yeroo gabaabduu dura harka keenya seenee isinii dhiyeessina.
  1. Obboo Guyyee Xelxelaa – Ona Malkaa Sooddaa ganda daada odaa budhii
  2. Rashiid Baallii -Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  3. Naasin Alii – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaa/Kilkille/
  4. Boruu Duubee – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaa/Waaccuu diinaa/
  5. Qajeelaa abbaa Daroo – Ona sabbaa boruu – ganda Ceekkata kojo’aa
  6. Kuusoyi Roobee – Ona Adoolaa shaakkisoo – ganda Magaadoo
  7. Guyyee Dhugoo – Ona Malkaa Sooddaa – ganda daada odaa budati
  8. Dhugoo Guyyee – Ona Oddoo shaakkisoo – magaalaa shaakkisoo
  9. Dhaddacha Figiiguu – Ona Malkaa sooddaa -ganda daada odaa budhuttii
  10. Taakkalaa – Ona Malkaa Sooddaa – ganda Malkaa Sooddaa
  11. Aadamaa – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  12. Shaaroo – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  13. Efreem Adoolaa Ona Sabbaa boruu – ganda Harragessee
  14. Shaambal Odaa – Ona Sabbaa boruu – ganda Siree buqqeettii
  15. Galgaloo Biilee – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Karroo
  16. Samarroo Gannaalee – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda magaadoo
  17. Dastaa Dhaddachaa – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda magaadoo
  18. Aadan Gujii – Ona sabbaa boruu – ganda Haroo garrii
  19. Boruu Sheekoo – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda Walaaboo
  20. Hasan Huseen – kan wayyaaneen reeffa isaa mana waliin gubde
  21. Halloo Badhoo – abbaa ijoollee jahaa wayyaaneen haala sukaneessaan ajjeese
  22. Uqubaay – Adoolaa
  23. Ilaalaa Kaffalaa – abbaa maatii saddeetii
  24. Milkeessaa Gadaa
  25. Jaarsoo Boruu
  26. Yohaannis
  27. Sulee Baallee
  28. Kadir Koottee
  29. Abdataa Dalloo fi
  30. Lataa Sabaa kanneen jedhaman warreen sirna wayyaanetiin ajjeefamanii dha.
Lammiileen Oromoo jiraattota Godina Gujii tahan olitti maqaan isaanii tarrifame kunneen abbootii warraa maatii qaban yoo tahan, mootummaa wayyaanetiin Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii ajjeefamuurraa maatiin isaan jiraachisan rakkoo hamtuuf saaxilamaniiru. Akka ragaan nu gahe addeessutti maatiin ilmaan Oromoo badii malee murna faashistii tahe kanaan ajjeefamanii faffaca’uu fi hiyyoomachuudhaan gadadoof affeeramanii haala akkaan yaaddessaa keessa jiru.
Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo ABO waliin hidhaata qabaachudhaanii fi Oromummaa isaanii qofaan yakkee rasaasaa fi hiraara  bifa adda addaa irraa gahee lubbuu galaafachuutti dabalee kanneen miidhaa qaamaa fi qor-qalbiif saaxilamanis lakkoofsi isaanii hammana kan jedhamu miti. Sabboontonni Oromoo kumoota hedduun lakkaawaman har’allee haqa Oromoof dhaabbachuu isaaniitiin humnoota sirnichaatiin rasaasaan reebamanii miidhaa ulfaataaf saaxilamaaru.
Ragaadhuma Godina Gujiirraa argame olitti tuqne waabeffannee yoo ilaalle ilmaan Oromoo cubbuu dalagan tokkollee odoo hin qabaatin Oromoo tahanii dhalachuu isaanii qofaaf mootummaa diina Oromoo tahe, Wayyaaneedhaan waraanni, poolisii fi tikni itti bobbaafamee rasaasaan reebamanii madeeffaman, qaamaa hir’atanii fi qabeenyi saamame hedduu dha. Kanneen keessaa muraasni isaan armaan gadii ti:-
  1. Birbirsa Baanataa – ganda Ejersaa – kan rasaasaan dhawamee qaamaa hir’ate
  2. Uddeessa Caaccuu – ganda haadhaa gord – rasaasa wayyaaneen madeeffame.
  3. Mitikkuu Roobee – haadha gord – ni madeessan
  4. Baallii Ideemaa – ganda Burii Ejersaaa ni madeessan
  5. Jamaal Baallii – ganda Burii Ejersaaa – ni madeessan.
  6. Quxxun Waaree – ganda Burii Ejersaa ni maddeessan
  7. Godona Gannaalee – ganda Burii Ejersaa ni madeessan
  8. Goluu Saafayii – ganda Burii Ejersaa ni madeessan
  9. Hareedii Saafayi – ganda Gooroo doolaa – ni madeessan
  10. Boraamee Bariisoo – ganda Hirmaayee – ni madeessan
  11. Waaqoo Uddoo – ganda Malkaa Sooddaa – ni madeessan
  12. Shushugoo Hadaa – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  13. Badiriyaa haadha obsaa.-ganda Burii Ejersaaa-ni madeessan.
  14. Aashaa Abbaa Baalee – ganda Haadha diimaa – ni madeessan
  15. Rooduu Dhaddachaa – ganda Daada Odaa budhuu – ni madeessan
  16. Useenii Baallii – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  17. Goobanaa Waaqoo – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  18. Bay’ootee Waallee – ganda Ceekataa kojo’aa – ni madeessan
  19. Turee Waaccuu – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  20. Basaayee Jiloo – Ceekataa – ni madeessan
  21. Yaasiin Waaqoo – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  22. Shakkamaa Waaqoo – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  23. Toree Useen – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  24. Soraa Useen – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  25. Bunoo Adoolaa – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  26. Roobaa Adulaa – ganda Daada Odaa budhu – ni madeessan
  27. Elemaa Xeendhee – ganda Galabaa – ni madeessan
  28. Qumbii Shundhaa – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  29. Odaa Xeeloo – ganda Daada Odaa budhuu – ni madeessan
  30. Jaarsoo Saafayi – ganda Galabaa – ni madeessan
  31. Roobee Godaanaa – ganda Galabaa – ni madeessan
  32. Iyyaasuu Basaayee – ganda Adoolaa waayyuu – kan madeeffame akkasumas
  33. Machaawaa Turee – ganda Galabaa – qabeenya qabu hunda ABO jechuun saaman
  34. Bonayyaa Waaqoo – ganda Galabaa – qabeenya qabu hunda kan ABO jechuun saaman
  35. Boruu Duubaa – Halloo madheedhee – qabeenya qabu maraa ni saaman
  36. Asaffaa Dhaddachaa – ganda Gooroo doolaa – qabeenya qabu maraa saaman
  37. Bookkiyyee Baallii – ganda Burii Ejersaaa – qabeenya qabu mara irraa saaman
  38. Muttarii Addoo – ganda Burii Ejersaa – qabeenya qabu maraa saaman
  39. Baatii Guyyee – ganda Burii Ejersaa mootummaa wayyaaneetiin saamaman
  40. Geetuu Dukkallee – ganda Burii Ejersaa fi
  41. Shifarraa Yembee – ganda Bulee horaarraa warreen wayyaanedhaan saamamani.
Walumaagalatti egaa sabboontonni Oromoo Godina Gujiitti maqaa ABO waliin hidhata qabaachutiin ykn Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii gara jabinaan ajjeefaman, miidhaa qaamaa fi qor-qalbiif saaxilamanii fi saamamanii hiyyoomfaman dhugaan oolee bulus awwalamuu waan hin dandeenyeef, amma ifa bahee beekkame. Miidhaa fi roorroon kun har’allee Godina Gujii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoorratti itti fufiinsaan babal’atee raawwatamaara. Kunis waa lama akeeka.
Inni duraa diinni kooraa akaakilee-abaabilee isaa kaleessa dhaale Oromiyaa gabroomfataa jiru, murni wayyaanee, Oromoorratti yakka raawwachuutti quufuu dhabee awwaaluudhaan yakka dachaa raawwachuun jibbaa fi tuffii saba keenyaaf qabu agarsiisuu itti fufuu isaa ti. Inni lammaffaan ammoo dhaamsa gochaan diinaa kun nu ilmaan Oromoo har’a lubbuun lafa kanarratti hafnee jirruuf dabarsuu dha.
Gochaan hammeenyaa diinni Oromoorratti raawwataa bahee fi ammas itti jiru kun, ilmaan Oromoo ajjeefamuu, rasaasaan reebamuu, hidhamanii dararamuu fi saamamanii hiyyoomsamuu jalaa bahuu kan danda’an yoo didatan qofa tahuu dhaamsa nuuf dabarseera. Akka sabaatti mataa walitti qabannee, gurra walii laannee, jaarmayaa keenya jabeeffannee tokkummaadhaan diinaan “Si gaha” jennuun malee falli rakkoo kana keessaa ittiin baanu gara biraan hin jiru.
Kanuma waliin ammoo sabboontonni Oromoo Oromummaan yakkamanii hiraarfamuun dhaabbachuu qaba jechuun wareegama qaalii baasan daandii gatii lubbuu itti baasanii nuuf saaqaniin dhaamsi nuuf dabrsan ijoon Oromoon biyyasaarratti kabajaa fi bilisummaan jiraachuuf furmaanni qabu roorroo diinaa gootummaan dura dhaabbachuu tahuu isaa ti.
Maarree, nuti dhaloonni Oromo ammaa, gumaa ilmaan Oromoo badii malee mootummaa wayyaaneetiin roorroof saaxilamanii baasuuf hammam of qopheessine, hammamis qooda lammummaa keenyaa bahataa jirraa ofis walis haa gaafannu. Ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa ummata keenyarratti sirnoota gabromfatoon barootaaf walitti fufiinsaan gaggeeffamaa jiru kanatti xumura gochuufis qooda lammummaa dachaan bahachuun sabaa fi biyya keenya roorroo wayyaanee jalaa bilisa baasuun seenaa hin irraanfatamne galmeessinee dabruuf bakkayyuu haa warraaqnuun dhaamsa keenya.
Injifannoo Ummata Oromoof!