Mootummaan wayyaanee diddaa master pilaanii magaalaa Finfinnee fi FDG barattootni Oromoo fi ummatni Oromoo waloon geggeessan jallisuun dokumentarii fiilmii dhara irratti hundaa’e amanamtoota isaa itti bobbaasuun qopheessaa jiraachuu oduun SBO dhaqqabe ifa godhe. Bakki dokumentariin fiilmii kun itti qophaa’us bakka kana dura dokumentarii fiilmiin dharaa hawaasa Musliimaa irratti itti dalagamee TV. Wayyaaneen mul’ifamaa ture “Shawaa Roobititti” ta’uu oduun SBO dhaqqabe kun ni mirkaneessa. Guutuu qabiyyee dokumentarii fiilmii kanaa baruuf qophii armaan gadii kana dubbisaa. Waliifis daddabarsaa…… —————————–
Qabsoon bilisummaa, gaaffiin mirgaa fi dimokraasii ummatootni cunqurfamoon Itophiyaa keessaa geggeessan yeroo itti hammaatuu fi sirna isaa hundeen raasuu eegalu maqaa adda addaa itti moggaasee irratti ololuu fi itti duuluun bittaa sirna isaa tursiifachuuf ijibbaatuun gocha mootummaa wayyaanee akka ta’e beekamaa dha. Gaaffii haqaa ummatootaaf deebii kennuu waakkatuun gaaffii haqaa kana jal’isee dhiheessuun gamatti kanneen kabajamuu mirgoota isaaniif sagalee dhageessisan hidhuu, ajjeesuu fi biyya irraa baqachiisuunis gochuma isaa ti.

Qabsoo bilisummaa, gaaffii mirgaa fi dimokraasii ummatoota Itophiyaa keessa jiraniin geggeeffamu kan mootummaan wayyaanee akka qara eebootti sodaatuu fi dhaabbatummaan olola dharaa fi duula gara garaa kan bifa hundaa hammate irratti geggeessu Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi sochii karaa nagaan mirga ofii falmatuu ummatni Oromoo ilmaan isaa barattoota/dargaggoota/Qeerroon durfamee geggeessu akka ta’es beekamaa dha. Oromoon gaaffii mirgaa, kan bilisummaa fi dimokraasii akka hin kaasne, barattootni waan mirga isaanii fi kan ummata isaanii akka ol hin fuuneef waggootan hedduuf mootummaan wayyaanee waraanaa fi poolisoota, akkasumas basaasota isaa itti bobbaasee yakka duguugiinsa sanyii ummata Oromoo irratti raawwateera. Kumoota kudhanootaan hidheera; baay’ee isaanii ajjeeseera; kumoota dhibbootaan akka baqatan taasiseera.
Sirnichi yakka kana raawwachuun gamattis QBOn akka jibbamu, gooltummaatti akka hidhamu, sochii fi gaaffiin mirgaa karaa nagaan barattootni Oromoo taasisan akka gocha yakkaa, biyya diiguu fi dalagaa gooltummaa ta’eetti akka sabaa fi sablammootni Itophiyaa keessaa hubataniif, darbees mararfannoo fi deggersa hawaasa addunyaa biraa akka hin arganne gochuuf duulli olola dharaa karaa mootummaa wayyaaneen hin geggeeffamin hafe hin jiru. Raadiyoo fi Tv.n wayyaanee ganamaa fi galgala kan ololaa turanii fi jiran dhugaa kana mul’isa. Diplomaatotni wayyaanee biyyoota adda addaa keessatti argamanis QBO fi gaaffii mirgaa haqa qabeessa barattootni Oromoo qabatanii itti jiran dabsanii akka sochii gooltummaatti dhiheessuuf duulli diplomaasii farra Oromoo ta’e isaan hin geggeessin hin jiru.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo bulguu, qabsicha kan hoogganu ABO goolessaa taasisanii dhiheessuun, sochii barattoota Oromoo kan dargaggoota Qeerroo Bilisummaa sochii mirga ofii gaafachuu osoo hin taane, adeemsa diigumsa biyyaa fakkeessanii dhiheessuuf hedduu tattaafataniiru. Haa ta’u garuu duulli hidhaa, ajjechaa fi ololli dharaa sochii QBO irratti wayyaanee fi waa’illan isaan geggeeffamaa turee fi jiru ummatni Oromoo, ilmaan isaa barattootni/Qeerroon bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaaniif akka hin falmanne isaan hin taasisne; hin taasisus. Hidhaa fi ajjechaan kalee qabee haga har’aatti itti jiramus yoo qabsootti isaan jabeesse malee hin laaffifne; laaffisuus hin danda’u. Ololli dharaa fi diraamaaleen yeroo yeroon wayyaaneen qindaa’anii QBO irratti oofamanis bu’aan argamsiise hin jiru; yoo qaanii sirnichaa ta’e malee.
Har’as qabsoon bilisummaa Oromoo kan yeroo kamiiyyuu caalaatti roga hundaan finiinaa jira. Fincilli Diddaa Gabrummaa, falmiin mirga abbaa biyyummaa gootota barattoota Oromoo/Qeerroo Bilisummaan adda durummaan geggeeffamaa jiru ammoo caalaatti qabsoo saba Oromoo jabeessaa fi furgaasaa wayta jiru kanatti, mootummaa wayyaanee fi ergamtoota isaa ammoo daran laaffisaa fi sirna isaanii bakka dhabsiisaa jira.
Master Pilaanii magaalaa Finfinnee kan qonnaan bultoota Oromoo lafa sarbee dirree irratti facaasu, kan Oromiyaa bakka adda addaatti qoqqoodu mootummaan wayyaanee baafate mormuun goototni barattootni Oromoo adda durummaa Qeerroo Bilisummaa fi sabboontota Oromoon FDGn golee Oromiyaa cufa keessatti erga jalqabee baatiileen lakka’amaa jiran. Diddaan master plaanii magaalaa Finfinnee fi falmiin mirga abbaa biyyummaa kun ammas bifa adda addaan itti fufee jira.
Sochiin karaa nagaan mirga ofii falmatuu, biyya ofii irratti sagalee ofii dhageessisuu ummatni Oromoo fi ilmaan isaa barattootni Oromoo gamtaan itti jiran kun sirni wayyaanee kan yeroo kamii caalaatti Oromiyaa fi ummata Oromoo biratti fudhatamaa fi bakka kan hin qabne ta’uu kan mul’isee fi bilisummaan Oromoos kan hin hafne ta’uu diinaafis firaafis ifatti kan mirkaneessee dha. Sirni wayyaanee gaaffii kana keessummeessuuf hamilee itti dhabe humnaan ukkaamsuuf tarkaanfii abbaa irrummaa fudhateen barattoota Oromoo dabalatee ilmaan Oromoo 100tti herregaman ajjeeseera; kumootaan madeesseera; kumoota kudhaniin hidhaatti guuree itti taphataa jira. Kun hundumtuu sochii eegalame kan dhaabe hin taane.

Mootummaan wayyaanee wayta ammaa kanas yeroo sochiin QBO fi FDG barattoota/Qeerroon itti hammaatee mootummaan isaa Oromiyaa keessatti raafamaa jiru kana akkuma duraan godhaa turee itti milkaa’uu dadhabe duula olola dharaa geggeessuuf, dokumentarii fiilmii jedhee sochii dargaggoota/barattoota Oromoo jal’isee dhiheessuuf, ABO irratti ololuuf qophii xumurachaa akka jiru bira gahamee jira.
Odeessi SBO dhaqqabe akka hubachiisutti mootummaan wayyaanee diddaa master pilaanii magaalaa Finfinnee fi FDG barattootni Oromoo fi ummatni Oromoo waloon geggeessan jallisuun dokumentarii fiilmii dhara irratti hundaa’e amanamtoota isaa itti bobbaasuun qopheessaa jiraachuu dha. Bakki dokumentariin fiilmii kun itti qophaa’us bakka kana dura dokumentarii fiilmiin dharaa hawaasa Musliimaa irratti itti dalagamee TV. Wayyaaneen mul’ifamaa ture “Shawaa Roobititti” ta’uu oduun SBO dhaqqabe kun ni mirkaneessa.
Ergamtootni/amanamtootni wayyaanee dokumentarii fiilmii dharaa kana barattoota Oromoo fi ummata Oromoo irratti akka hojjetaniif bobbaafamanii jiran gaafatamaa poolisii magaalaa D.Dhawaa kan ture Kumaander Warquu, hoggansa poolisii irraa kan ta’an ammoo Kumander Jaarraan, Kumander Ambaaluu akkasumas hogganoota wayyaanee magaalaa D.Dhawaa kan turanii fi yeroo ammaa Finfinnee keessa hojjechaa jiran Asaffaa Zarhaa, Tasahe Barihe fi Ahmad Alot Lixa Harargee keessatti wayyaaneef hojjechaa kan turee fi yeroo ammaa ammoo magaalaa D.Dhawaa keessatti hojii basaasummaa irratti bobba’ee kan jiru faa keessatti akka argaman beekuun danda’ameera.
Akeekni dokumenterii fiilmii wayyaanee kun qabsoo karaa nagaa fi gaaffii mirgaa barattootni Oromoo fi ummatni Oromoo itti jiran dhara itti maxxansuu fi haaluu, dhaabbilee Oromoo kabajamuu mirga Oromoof falman maqaa xureessuu faa irratti kan akeekkatee dha kan jedhu oduun kun, barattootni Oromoo sirnichaan qabamanii hidhaa keessa jiran dirqisiifamanii fi hiraarfamanii waan hin dalagnee fi hin beekne akka dubbatan garii ammoo sirnichi maallaqaan kan bitate fiilmicha irratti dhihaatanii haasaa faallaa akka dubbataniif kan qopheeffaman ta’uu hubachiisa.
Dokumentariin fiilmii dharaa warshaa wayyaanee keessatti oomishamaa jiru kun ABO irrattis kan fuulleffate ta’uu kan hubachiisu oduun kun, mootummaan wayyaanee dhaabbattoota barnoota adda addaa keessatti karaa goolessitoota isaan boombii dhoosisee ykn mana barnootaa seensisee gaaga’ama dhaqqabsiisaa ture ABOtti haqachuuf, dokumenterii fiilmii kana irratti diraamaa isaa qindeeffatee akka jirus ifa godha. Barattootni dirqisiifamanii fi namootni maallaqaan bitaman fiilmii kana keessatti dhihaatanii ABO tu Yunversitii keessatti boombii dhoosaa nuun jedhe, isatu nu erge jedhanii akka dubbatan taasifamuunis dhaga’ameera. Magaalaa Cirootti kan dhalatee fi barataa Yunversitii Haromaayaa kan ta’e Ermiyaas Tafarraa fi barataa Yunversitii Amboo Siisaay Faxxanaa dabalatee barattootni yeroo darbe Yunversitii Haramaayaa keessatti boombii dhoostan jedhamanii qabaman kanneen dokumentarii fiilmii kana keessatti dhiheeffaman akka ta’e oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa.
Dalagaan abaaramaa fi yakkamaa dokumentarii fiilmii kanaan mootummaa wayyaaneen qopheeffamaa jiru kun baatii Adoolessaa kana keessa ykn erga ji’i kun darbees leenjii (indoctrination) wayyaaneen barattoota Yunversitiilee ittiin sossobachuuf jirtu irratti agarsiifamuuf akka jirus mirkanaa’eera.
Kanaaf jedhu Sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi sabboontotni Oromoo, kanaaf barattootni Oromoo walumaagalatti hawaasni Oromoo marti gocha abaaramaa maqaa dokumentarii fiilmii jedhuun mootummaan abbaa irree fi diina Oromoo ta’e wayyaaneen qabsoo gootota barattoota Oromoo fi obboleewwan keenya qaqqaaliin lubbuu isaanii itti wareegaa jiran kana tiksuu fi olola diinaa kana itti dammaqnee murannoodhaan dura dhaabbannee hongeessuuf/fashalsuuf dirqama Oromummaa haa baanu jechuun waamicha lammummaa dabarsaniiru.
Faashistootni ummataaf gara laafina hin qabne hangamillee olola kijibaa fi dalagaa yakkaan olaantummaa qabaatanillee, haqni kan isaanii waan hin taaneef, salphinaan du’anii awwaalamuun isaanii kan hin hafne ta’uu kan hubachiise oduu qabatamaan SBO gahe kun, kan wayyaanees kana irraa adda akka hin taane ibse. Mootummaan wayyaanee lubbuu ijoollee Oromoo galaafateef, dhiiga dhangalaasee fi gadda maatii Oromoo irra buuseef gaafatama jalaa miliquu hin danda’u, dokumentarii fiilmiin dharaa kunis yakka isaa haguuguufii hin danda’u jechuun Qeerroon Bilisummaa fi sabboontotni Oromoo hubachiisaniiru.

Mootummaan wayyaanee mootummaa shororkeessaa humna afaan qawween aangoo irra jiruu fi ummata mirga ofii gaafatu shororkeessu waan taateef, sirna akkanaa karaa irraa kaasuun dirqama. Mootummaan wayyaanee mootummaa mirgoota ummataa qawween sarbee humna afaan qawweenis aangootti goggogee jiru ta’uu hojii isaan mul’ifachuu irra darbee, yakka ofiif hojjechaa jiru barattoota, ummata nagaa fi dhaabota mirga ummata isaaniif falmanitti haqachuuf yaalii godhu itti fufus diddaa fi qabsoon ummatootaa jabaachaa fi babal’achaa jiru sirna fokkisaa wayyaaneetti xumura gochuun kan hin oolle akka ta’e gabaasni oduu SBO dhaqqabe kun mul’isee jira.
No comments:
Post a Comment