Friday, March 6, 2015

Oromia’s forests are burning, latest fire broke out in Hararge (Carcar)

Bitootessa 5, 2015
From all corners Oromia, Oromia forests are on fire! Bosonni Oromiyaa kan ibiddi ittin jirre hin jiruu, aboo iyyaa iyya dabarsaa! Wanni bosona fakkaata tan Oromiyaa keessaa tan ibiddaan waadamaan jirre nitakkataabar, oromoo walgaafadhaa!
Saanatee,Chilalo, Carcar. What area is next?
10171095_456191494535025_8229050855213236443_n
Carcar Xirroo fi Saaqata, lamaanuu bakka Wayyaaneen sodaattuu ibiddaan guyyaa kaleessaa yeroo walfakkaataatti gubataa oolan!shakkiin wayyaanee bosona Oromiyaa barbadeeysaa jirti!
11026213_456198951200946_8089509468276759277_n
Saaqata


Bosona Cilaalo

Bosona Cilaalo
Hexoofi Birbirsa
Saatofi. Ebicha
Xooshinefi xiidi
Mukoole qaqqaali
Umriin hinqabne madaalli
Lakkawe waa fixu
Gosti isaa Heddu
Umaan magaritu
Bonaa ganna qabdu
Badhaatu midhagdu
Teesso bineessota
Olibaate mul’dhatta
Qabeenya ummata
Oromoon lowwan itti olyaafata
Manas ittin ijaarata
Meesha qonnatille achirra tolfata
Yokaan nibobeefata
Kuni hojii diinati
Gocha salpha miti
Dawaa heddu qabda
Sodaa mo?hinaaffa?
Maalifi Sigubani?
Argaa sijibbani?
Misooma jedhani
Gemii taphatani
Yaa gaara Colaalo
Sirraa sodaatan moo?
Sitti Hinaafani?
Isaan woyyaanonni
Waa biyya hin qabani
Biyya tenya irratti abba nutti ta’ee

DIINNI waa nuhin hanbifanne
Nama, Sa’a, Bineessa, Muka hin jenne
Wolumatti. Qabee
Oromiyaa irraa nuballeessu dhimmame
Nuti kana hin fudhanne
Hin balaalefanne
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!

Wednesday, March 4, 2015

Yakka Godina Gujiitti Oromoorratti raawwatame

Bitootessa 3, 2015
Ummanni Oromoo erge humna waranaatin bittaa alagaa jalatti kufee kaasee ajjeechaa dabalatee yakki suukaneessaan bifa hedduu irratti raawwatamaa har’a gahe. Kanuma bara bittaa murna bicuu TPLF/EPRDF yoo ilaalle baroota kurna lamaan dabran keessa yeroo fi bakkoota adda addaatti ajjeechaan jumlaa, toorchariin namoom-dhabaan, saamichii fi qabeenya barbadeessuu raawwatame tarrifamee kan dhumu miti. Mootummaan wayyaanee borumtaa aangootti bahee kaasee miseensotaa fi deeggartoota ABO kan jedhuun sabboontota Oromoo hammana hin jedhamnerratti yakka suukaneessaa bifa hedduu raawwachuun gamatti miidhaa kana ijaa-gurra addunyaarraa balleessuuf dhoksuuf shira dabalataa xaxuun beekkama.
Dhugaan qal’attus hin cittu akkuma jedhan garuu dhugaan saba Oromoo barootaaf gabroomfattootaan ukkaamsamuuf tattaafatamaa bahe akka diinnonni yaadanitti awwaalamee hafuu hin dandeenye. Kanaaf ammoo ajjeechaan gaara Suufii, lafeen ilmaan Oromoo Hammarreessatti mul’atee fi gochaalee wayyaanee fakkaatoo addunyaaf ifa bahan tuquun ni danda’ama. Haalli quunnamtii fi fageenyaa ture ajjechaa saba Oromoorratti raawwatamu waggootaaf haa tursu malee, yeroo isaa eegee haqi ummata kanaa akka ifa bahu, dabi wayyaanee akka saaxilamu odeessi har’a nu dhaqqabu kanuma dhugoomsa.
Haaluma walfakkaatuun sirni nama-nyaataa wayyaanee bara 1994 hanga 2010tti Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti ilmaan Oromoo hedduu maqaa ABO waliin hidhata qabaachuutiin yakkee dararaa hamtuuf saaxilaa erga baheen booda ajjeesuu gabaasni dhihoo kana nu dhaqqabe ni addeessa. Kana ragaadhaan dhugoomsuufis eenyummaa fi teessoo ilmaan Oromoo badii malee mootummaa wayyaanetiin ajjeefaman yeroo gabaabduu dura harka keenya seenee isinii dhiyeessina.
  1. Obboo Guyyee Xelxelaa – Ona Malkaa Sooddaa ganda daada odaa budhii
  2. Rashiid Baallii -Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  3. Naasin Alii – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaa/Kilkille/
  4. Boruu Duubee – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaa/Waaccuu diinaa/
  5. Qajeelaa abbaa Daroo – Ona sabbaa boruu – ganda Ceekkata kojo’aa
  6. Kuusoyi Roobee – Ona Adoolaa shaakkisoo – ganda Magaadoo
  7. Guyyee Dhugoo – Ona Malkaa Sooddaa – ganda daada odaa budati
  8. Dhugoo Guyyee – Ona Oddoo shaakkisoo – magaalaa shaakkisoo
  9. Dhaddacha Figiiguu – Ona Malkaa sooddaa -ganda daada odaa budhuttii
  10. Taakkalaa – Ona Malkaa Sooddaa – ganda Malkaa Sooddaa
  11. Aadamaa – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  12. Shaaroo – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Ejersaaa
  13. Efreem Adoolaa Ona Sabbaa boruu – ganda Harragessee
  14. Shaambal Odaa – Ona Sabbaa boruu – ganda Siree buqqeettii
  15. Galgaloo Biilee – Ona sabbaa boruu – ganda Burii Karroo
  16. Samarroo Gannaalee – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda magaadoo
  17. Dastaa Dhaddachaa – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda magaadoo
  18. Aadan Gujii – Ona sabbaa boruu – ganda Haroo garrii
  19. Boruu Sheekoo – Ona Oddoo shaakkisoo – ganda Walaaboo
  20. Hasan Huseen – kan wayyaaneen reeffa isaa mana waliin gubde
  21. Halloo Badhoo – abbaa ijoollee jahaa wayyaaneen haala sukaneessaan ajjeese
  22. Uqubaay – Adoolaa
  23. Ilaalaa Kaffalaa – abbaa maatii saddeetii
  24. Milkeessaa Gadaa
  25. Jaarsoo Boruu
  26. Yohaannis
  27. Sulee Baallee
  28. Kadir Koottee
  29. Abdataa Dalloo fi
  30. Lataa Sabaa kanneen jedhaman warreen sirna wayyaanetiin ajjeefamanii dha.
Lammiileen Oromoo jiraattota Godina Gujii tahan olitti maqaan isaanii tarrifame kunneen abbootii warraa maatii qaban yoo tahan, mootummaa wayyaanetiin Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii ajjeefamuurraa maatiin isaan jiraachisan rakkoo hamtuuf saaxilamaniiru. Akka ragaan nu gahe addeessutti maatiin ilmaan Oromoo badii malee murna faashistii tahe kanaan ajjeefamanii faffaca’uu fi hiyyoomachuudhaan gadadoof affeeramanii haala akkaan yaaddessaa keessa jiru.
Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo ABO waliin hidhaata qabaachudhaanii fi Oromummaa isaanii qofaan yakkee rasaasaa fi hiraara  bifa adda addaa irraa gahee lubbuu galaafachuutti dabalee kanneen miidhaa qaamaa fi qor-qalbiif saaxilamanis lakkoofsi isaanii hammana kan jedhamu miti. Sabboontonni Oromoo kumoota hedduun lakkaawaman har’allee haqa Oromoof dhaabbachuu isaaniitiin humnoota sirnichaatiin rasaasaan reebamanii miidhaa ulfaataaf saaxilamaaru.
Ragaadhuma Godina Gujiirraa argame olitti tuqne waabeffannee yoo ilaalle ilmaan Oromoo cubbuu dalagan tokkollee odoo hin qabaatin Oromoo tahanii dhalachuu isaanii qofaaf mootummaa diina Oromoo tahe, Wayyaaneedhaan waraanni, poolisii fi tikni itti bobbaafamee rasaasaan reebamanii madeeffaman, qaamaa hir’atanii fi qabeenyi saamame hedduu dha. Kanneen keessaa muraasni isaan armaan gadii ti:-
  1. Birbirsa Baanataa – ganda Ejersaa – kan rasaasaan dhawamee qaamaa hir’ate
  2. Uddeessa Caaccuu – ganda haadhaa gord – rasaasa wayyaaneen madeeffame.
  3. Mitikkuu Roobee – haadha gord – ni madeessan
  4. Baallii Ideemaa – ganda Burii Ejersaaa ni madeessan
  5. Jamaal Baallii – ganda Burii Ejersaaa – ni madeessan.
  6. Quxxun Waaree – ganda Burii Ejersaa ni maddeessan
  7. Godona Gannaalee – ganda Burii Ejersaa ni madeessan
  8. Goluu Saafayii – ganda Burii Ejersaa ni madeessan
  9. Hareedii Saafayi – ganda Gooroo doolaa – ni madeessan
  10. Boraamee Bariisoo – ganda Hirmaayee – ni madeessan
  11. Waaqoo Uddoo – ganda Malkaa Sooddaa – ni madeessan
  12. Shushugoo Hadaa – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  13. Badiriyaa haadha obsaa.-ganda Burii Ejersaaa-ni madeessan.
  14. Aashaa Abbaa Baalee – ganda Haadha diimaa – ni madeessan
  15. Rooduu Dhaddachaa – ganda Daada Odaa budhuu – ni madeessan
  16. Useenii Baallii – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  17. Goobanaa Waaqoo – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  18. Bay’ootee Waallee – ganda Ceekataa kojo’aa – ni madeessan
  19. Turee Waaccuu – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  20. Basaayee Jiloo – Ceekataa – ni madeessan
  21. Yaasiin Waaqoo – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  22. Shakkamaa Waaqoo – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  23. Toree Useen – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  24. Soraa Useen – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  25. Bunoo Adoolaa – ganda Burii Karroo – ni madeessan
  26. Roobaa Adulaa – ganda Daada Odaa budhu – ni madeessan
  27. Elemaa Xeendhee – ganda Galabaa – ni madeessan
  28. Qumbii Shundhaa – ganda Burii Ejersaa – ni madeessan
  29. Odaa Xeeloo – ganda Daada Odaa budhuu – ni madeessan
  30. Jaarsoo Saafayi – ganda Galabaa – ni madeessan
  31. Roobee Godaanaa – ganda Galabaa – ni madeessan
  32. Iyyaasuu Basaayee – ganda Adoolaa waayyuu – kan madeeffame akkasumas
  33. Machaawaa Turee – ganda Galabaa – qabeenya qabu hunda ABO jechuun saaman
  34. Bonayyaa Waaqoo – ganda Galabaa – qabeenya qabu hunda kan ABO jechuun saaman
  35. Boruu Duubaa – Halloo madheedhee – qabeenya qabu maraa ni saaman
  36. Asaffaa Dhaddachaa – ganda Gooroo doolaa – qabeenya qabu maraa saaman
  37. Bookkiyyee Baallii – ganda Burii Ejersaaa – qabeenya qabu mara irraa saaman
  38. Muttarii Addoo – ganda Burii Ejersaa – qabeenya qabu maraa saaman
  39. Baatii Guyyee – ganda Burii Ejersaa mootummaa wayyaaneetiin saamaman
  40. Geetuu Dukkallee – ganda Burii Ejersaa fi
  41. Shifarraa Yembee – ganda Bulee horaarraa warreen wayyaanedhaan saamamani.
Walumaagalatti egaa sabboontonni Oromoo Godina Gujiitti maqaa ABO waliin hidhata qabaachutiin ykn Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii gara jabinaan ajjeefaman, miidhaa qaamaa fi qor-qalbiif saaxilamanii fi saamamanii hiyyoomfaman dhugaan oolee bulus awwalamuu waan hin dandeenyeef, amma ifa bahee beekkame. Miidhaa fi roorroon kun har’allee Godina Gujii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoorratti itti fufiinsaan babal’atee raawwatamaara. Kunis waa lama akeeka.
Inni duraa diinni kooraa akaakilee-abaabilee isaa kaleessa dhaale Oromiyaa gabroomfataa jiru, murni wayyaanee, Oromoorratti yakka raawwachuutti quufuu dhabee awwaaluudhaan yakka dachaa raawwachuun jibbaa fi tuffii saba keenyaaf qabu agarsiisuu itti fufuu isaa ti. Inni lammaffaan ammoo dhaamsa gochaan diinaa kun nu ilmaan Oromoo har’a lubbuun lafa kanarratti hafnee jirruuf dabarsuu dha.
Gochaan hammeenyaa diinni Oromoorratti raawwataa bahee fi ammas itti jiru kun, ilmaan Oromoo ajjeefamuu, rasaasaan reebamuu, hidhamanii dararamuu fi saamamanii hiyyoomsamuu jalaa bahuu kan danda’an yoo didatan qofa tahuu dhaamsa nuuf dabarseera. Akka sabaatti mataa walitti qabannee, gurra walii laannee, jaarmayaa keenya jabeeffannee tokkummaadhaan diinaan “Si gaha” jennuun malee falli rakkoo kana keessaa ittiin baanu gara biraan hin jiru.
Kanuma waliin ammoo sabboontonni Oromoo Oromummaan yakkamanii hiraarfamuun dhaabbachuu qaba jechuun wareegama qaalii baasan daandii gatii lubbuu itti baasanii nuuf saaqaniin dhaamsi nuuf dabrsan ijoon Oromoon biyyasaarratti kabajaa fi bilisummaan jiraachuuf furmaanni qabu roorroo diinaa gootummaan dura dhaabbachuu tahuu isaa ti.
Maarree, nuti dhaloonni Oromo ammaa, gumaa ilmaan Oromoo badii malee mootummaa wayyaaneetiin roorroof saaxilamanii baasuuf hammam of qopheessine, hammamis qooda lammummaa keenyaa bahataa jirraa ofis walis haa gaafannu. Ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa ummata keenyarratti sirnoota gabromfatoon barootaaf walitti fufiinsaan gaggeeffamaa jiru kanatti xumura gochuufis qooda lammummaa dachaan bahachuun sabaa fi biyya keenya roorroo wayyaanee jalaa bilisa baasuun seenaa hin irraanfatamne galmeessinee dabruuf bakkayyuu haa warraaqnuun dhaamsa keenya.
Injifannoo Ummata Oromoof!

Sunday, March 1, 2015

Oromos face chilling oppression in Ethiopia

By Debasish Mitra
21_4_2014_9_31_2
Debasish Mitra
February 28, 2015 (Times of Oman) — In Ethiopia they live like animals, relentlessly persecuted, hunted down like games, killed at will and incarcerated en masse. No mercy is shown even to women and children. They are the Oromos — the largest ethnic group, the most marginalised in Ethiopia and arguably one among the most oppressed people in our planet. Despite their numerical majority, the Oromos, much like the Palestinians, are facing xenophobic oppression.
Amnesty International’s report on the state of existence of the Oromos, published last year, has been damning. It painted a chilling picture of the brutality unleashed by Ethiopian government on the hapless community to which the country’s President, Mulatu Teshome, belongs. The rights group, based in London, said: “At least 5,000 Oromos have been arrested based on their actual or suspected peaceful opposition to the government”. And most of them have been “subjected to treatment amounting to torture and other cruel, inhuman or degrading treatment”.
Amnesty researcher Claire Beston has been scathing. She said, “The Ethiopian government’s relentless crackdown on real or imagined dissent among the Oromo is sweeping in its scale and often shocking in its brutality. This is apparently intended to warn, control or silence all signs of ‘political disobedience’ in the region”. Beston, in her report, said in no uncertain terms that she saw “signs of torture, including scars and burns, as well as missing fingers, ears and teeth” on those Oromos she interviewed.
The scenario in the country is perhaps far more terrifying. The United States, in its 2013 Human Rights Report, has pointed out that at least 70,000 persons, including some 2,500 women and nearly 600 children are incarcerated with their mothers, in severely overcrowded six federal and 120 regional prisons. “There also were many unofficial detention centres throughout the country, including in Dedessa, Bir Sheleko, Tolay, Hormat, Blate, Tatek, Jijiga, Holeta, and Senkele,” the report added further.
Plurality, respect for basic democratic values and tolerance for dissent have never been the fortes for which Ethiopia is known in the world. It is for reasons on the contrary the country has already earned a massive notoriety internationally. Corruptions are rampant and behind the façade of development the government in Ethiopia is infamous for selling out the country to the western world and foreign corporations and, of course, for its blatant violation of basic human rights.
What defines Ethiopia today is the greed and corruption of its politicians, especially those in power. The brazenness with which the government is trying to sell out Omo Valley to foreign corporation is a shame and a heinous crime. Twice the size of France and UNESCO World Heritage Site, Omo Valley is known as the ‘cradle of mankind’ which, according to ancient-origins.net, has the world’s largest alkaline lake as well as the world’s largest permanent desert lake.
The Ecologist says, Lake Turkana in Omo Valley was a prehistoric centre for early hominids. Some 20,000 fossil specimens have been collected from the Turkana Basin. Anthropological digs have led to the discovery of important fossilised remains, most notably, the skeleton of the Turkana Boy, (or Nariokotome Boy). Finding Turkana Boy was one of the most spectacular discoveries in palaeoanthropology.  His reconstruction comes from the almost perfectly preserved skeleton found in 1984 at Nariokotome near Lake Turkana.
Discovery of the fossilised Turkana Boy, aged between seven and fifteen who lived approximately 1.6 million years ago was a milestone in the study of our origin and ancestry. Yet, to the corrupt, shameless and avaricious Ethiopian government it is of no significance. And neither is the welfare of the indigenous people of the valley who are believed to be the living descendants of the early hominids.
Alas! Ethiopian government wants to sell out this important archaeological treasure trove to foreign corporations where they want to develop sugar, cotton and biofuel plantations. A shameless land grab is underway in Omo Valley where hundreds of more fossilised skeletons of our forefathers are expected to be found and retrieved.
Misrule, human rights violations, hubris, arrogance and corruption plagues Ethiopia. Continuous demagoguery against the Oromos has made Ethiopia sit atop a huge mound of gun powder waiting for a spark to explode. The Oromo Liberation Army (OLA), the armed wing of the Oromo Liberation Front (OLF) is getting ready for yet another armed struggle to overthrow the present political dispensation in power.
And given the history of insurgency in Ethiopia the country today seems to be heading fast towards a fresh bout of armed insurrection.
A low intensity struggle has already started as the Oromos are no more in mood to take the oppression, they are in no mood to suffer in silence their marginalisation. The ethnic fire the Ethiopian government has been stoking is gradually turning into an inferno.
We know human stupidity is endless and that of Ethiopia is infinite and dark. It cannot achieve growth and progress keeping its people delegitimised and aggrieved. The oppressed and tortured shall one day erupt to claim what legitimately belongs to them as well.
Source: Times of Oman

Saturday, February 14, 2015

Sirna kufuuf daddaaqamaa jiru jireessuuf kanneen dhama’an dhumni isaanii salphina

Aasxaa ABO-8.25.13(Ibsa ABO duula diinaan Oromoo irratti baname ilaalchisee)
Gurraandhala 13, 2015 (Oromo Liberation Front) — Mootummaan Wayyaanee ummatoota irraan gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan miidhaa ol aanaa dhaqqabsiisaa jiru kufaatiin isaa kan hin hafne tahuu caalaatti wayta mirkanaa’ee jiru kanatti abdii kutannaa irraa shira gara garaa hojjatuun bittaa isaa itti fufsiisuuf yaalii ijibbaataa gaggeessaa jira. Ummatoota bittaan nu gahe! Sirni Cunqursaan nurraa haa ka’u! jechuun bifa gara garaan qabsoo adeemsisan kolaasuu fi kan ummatoota irraa deggersa qabu fakkaatee mul’atuuf wixxifannaan adeemsifamaa jirus lammiiwwan Itophiyaa gara garaa addatti ammo lammiilee Oromoo sirnicha baqatuun biyya alaatti argaman irratti kan xiyyeeffate tahuu sochii diinni gochaa jiru irraa hubatama.
Lukkeelee diinaa bittoota murna bicuuf riqicha tahanii ummata Oromoo saamuu fi saamsisuu, ajjeesuu fi ajjeesisuu, biyyaa baqachiisuu fi hiisisuu keessatti shoora ol aanaa qaban, ergaa diinaa kana qabatanii biyyoota alaa keessa oggaa laban kan arge isaan taajjabuu irra dabree akka namaatti yaaduu isaanii shakka. Ergamtootni osoo ummatni Oromoo bakka bu’ummaan hin filatiin humnaan bakka bu’aa of taasisan kunneen hin galleef malee kanneen har’a maqaa guddinaa fi misoomaan isa hawwatuuf itti bobba’an kanneenuma kaleessa miidhaa isaanii baqa biyyoota adda addaatti baqatani dha. Kanneen Abbaa fi Haadha, Obbolaa fi firoottan, ilmaan, akkasumas hiriyootni isaanii jalaa ajjeefaman, mana hidhaatti guuramani hiraaraa jirani dha.
Wayyaanee dantaa murna bicuuguutuuf jecha ijaaruu irra diiguu, haqa lagatuun kijibaaf dhaabbatu , mirga dimokraasii dhugoomsuu irra bittaa abbaa irrummaa jireessuu, biyya misoomsuu irra deegsuun beekame, mootummaa guddinaa fi misoomaa ti jechuun duulli ergamtoota sirnichaan biyyoota alatti eegalame fudhatama fi deggeraa dhabee bakka dhaqan maratti mormii ol aanaa fi salphina guddaan akka deebi’an taasifameera. Haa tahu malee salphifamaa fi xiqqeeffamaa harca’aa funaannatuu akka aadaa fi kabajaatti fudhatan lukkeeleen diinaa kunneen, garaa itti nyaatan malee sammuun ittiin yaadan waanitti hin uumamneef mormii irra gahaa jiru danda’aa fi obsaa ergaa diinaa baqataa Oromoon akka gahaniif karoora itti kenname itti fufuuf murteeffatanii jiran.
Lukkeeleen diinaa raata’oo kunneen ummatni Oromoos akkuma isaanii akka raata’uuf hojjatan. Akkuma isaanii har’a nyaadhee bullaan ana gaha! jechuun ulfina isaa gurguree akka jiraatu barbaadan. Akkuma isaanii ashkara alagaa tahee biyya isaa irratti alageeffamee jireenya gadadoo fi salphinaa akka jiraatu barbaadu. Waggoota 24 boodallee fedhiin ummataa maal akka tahe hubatuu dadhabu/diduu irraa mirga isaaf falmatuu dhaabee akka harka kennatuuf irratti bobba’uun isaan taajjabsiisa malee ummata ejjannoo isaa hin jijjiirsisu. Kanneen of xiqqeessanii ummata xiqqeessuuf yaalan hin galleef malee ummatni guyyaa irratti of irroomsanii eegalee kan isaan hin deggerre, waliinis hin dhaabbanne tahuu ifatti itti himeera. Mormuun dura dhaabbatee walabummaa fi bilisummaa isaaf falmateera, falmaas jira.
Jilli gara garaa muddama qabsoon ummatootaa gooftolii isaanii irraan gahaa jiru jalaa baraaruuf dhiheenya kana dirqama Wayyaanee fudhatuun Awrooppaa, Ameerikaa, Kanadaa fi Austraaliaatti bobba’uun Oromoota biyyoota kanneen keessa qubatan gowwoomsuuf yaalanii taasisaniin salphifamaa akka turan midiyaaleen gabaasaa turan. Jilootni bakka gahan hundatti salphifamaa turan kanneen kan dhagahu hin argatiin malee, lafti mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii isiniif kennama, qabeenya qabdan investment/misooma irra akka oolchitaniif deggersi addaa fi barbaachisu isiniif kennama jechuun waadaa kijibaa tarrisuun hawwataa akka turanis gabaafamaa ture. Biyyi misoomaa fi guddataa akka jirtu, wal qixxummaan ummatootaa mirkaneeffamuu fi mirgi dimokraasii dagaaguu qaanii malee haa dubbatan malee haalli empaayera Itoophiyaa fi kan ummataa addaan fagoo tahuun hubannaa ummataan ala hin turre.
Mootummaa abbaa irreef aangoo isaa turfatuun alatti kan itti mul’atu waan hin jirreef hanga kufutti tikfatuuf dhidhiitatuu hin dhaabu. Waan taheef Wayyaaneen salphina ergamtoota isaa Awrooppaa fi Ameerikaa itti bobbaafate irra gahe irraa barachuu hanqatee baqattoota Oromoo Afriikaa biyyoota gara garaa keessatti argaman irratti karoora bal’aa baasuun akka sossobanii biyyatti deebisaniif, dadhabame ammoo mootummoota of gargaarsisuun biyyatti deebisuu irratti akka hojjataniif ergamtoota isaa bobbaasee jira.
Baqattoota Oromoo, Sudaan Kaabaa fi Kibbaa, Kenyaa, Ugaandaa, Jibuutii fi biyyoota birootti argaman kanneeniinis waadaa kijibaa:
  1. Lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii argattu;
  2. Manni koondominemii isiniif kennama;
  3. “Garee business “ jedhuun embaasii jalattii yo ijaaramtan embaasiin deeggarsa addaa isiniif godha kan jedhanutu argamu.
Haqni bobbaa diinaa kanaan duuba jiru garuu, waldaalee maqaa baqattoota Oromoon ijaaraman diiguun waldaa Itophiyaa jala galchuu, suuraa fi vidiyoolee baqattootaa midiyaa isaanii irratti agarsiifatuun hamilee ummataa biyya keessaa qabsoo irratti finiinsaa jiru cabsuu, baqataa gowwoomsuun biyyatti akka deebi’u taasisuun kanneen hafan galuu danda’u, rakkoon homaatuu irra hin gahu, jechuun golgaa UNHCR irraa argatan akka dhaban taasisuu, Sochii baqattoota Oromoo hordoffii fi to’annoo embaasii Itoophiyaa jala galchuu; hidhaa fi ajjeechaa isaanii jalaa kanneen baafatan biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu kan akeekkate dha.
Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi guddina, mirga dimokraasii fi namoomaa ilaalchisee ololli adeemsisu kan madaala kaasu miti. Qabiinsi mirga namoomaa fi mirgi dimokraasii biyyattii maal akka fakkaatu ummatoota biyyattii irra dabree kan alagaan iyyuu kijiba tahuu hubatee dura dhaabbataa jiru tahee jira.
Ummatni Oromoo biyya keessaas haa tahu biyya alaa kijiba Wayyaaneen kan hin dagamne tahuu ifatti agarsiisaa jira. Addatti ammo lammiileen Oromoo biyyoota alaa adda addaa keessa jiran ergama diinaa fashalsuun qoodni gumaachan kan Oromoo hunda boonse, ergamtoota diina rifaasise dha. Bobbaa’an jiilota Wayyaaneen baqattoota Oromoo Afriikaa jiran irratti xiyyeeffates akkasuma akka fashalu shakkiin hin jiru. Haa tahu malee haalli biyyoota Afriikaa, akka biyyoota Awroppaa fi Ameerikaa aanjaa kan hin qabne taahuun beekamaa dha. Waan taheef , hawaasni Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan obboleeyyaan keenya diinni itti xiyyeeffatuun shira irratti raawwatuuf abuurratee jiru hordofuun miidhaa diinaa akka qolatuu danda’aniif tokkummaan akka cinaa dhaabbattan ABOn yaadachiisa. Midiyaaleen Oromoo fi kanneen haqaaf dhaabbatan kan biros gochaa diinummaa fi farra namoomaa baqattoota Oromoo irratti xiyyeeffate kana saaxiluun garee haqaaf dhaabbatan tahuu akka mirkaneessitan ABOn waamicha isaa isiniif dabarsa. Akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula mirga baqattoota Oromoo ukkaamsu Wayyaaneen itti jiru akka hin milkoofne taasisuuf tumsa barbaachisu akka gootan waamicha isaa dabarsa.
Shirri diinaan Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwatamu qabsoo caalaatti finiinsa malee hin laaffisu. Kanaaf lammiileen Oromoo biyya keessaaf alaa bittaa Wayyaanee gateettii ummataa irraa buusuuf qabsoo bilisummaa caalaatti finiinsuun gaaffii yeroo tahuu hubannee tokkummaan haa kaanu.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo

Friday, February 6, 2015

ETHIOPIA: Flagrant Human Rights Abuse against Oromo Nationals Continues

HRLHA FineHRLHA Urgent Action

Feb 01, 2015
For immediate Release
It is cruel, brutal and inhumane to hang any person for any wrongdoing particularly in Ethiopia, a country that claims democracy is its core principle of governance. The execution of Ketama Wubetu and his friend by Ethiopian solders- by hanging on a fence- on December 09, 2014 in Salale zone of Dera District in the regional State of Oromia was barbaric.  If the hanged men were members of an opposition group fighting against the government, once they were captured they should have been brought to justice.
Sadly enough, the government soldiers shamelessly displayed the bodies of these two Oromo nationals to the public- including children. This kind of inhuman and fascistic action will not solve the political crisis in the country. Rather, it will complicate and escalate it to another level. The fascistic action committed against the two Oromo nationals by the government army clearly shows that justice in the country is dysfunctional and symbolic.
Gootota Oromoo Wayyaaneen Qaltee Bakka gabaatti fannifte-Gocha faashistii xaaliyaanii fi hayila Sillaasen kan Wal fakkaatu-1.25.15By doing this the Ethiopian Government has blatantly violated international humanitarian law and international human rights law principles including international human rights standards.
The Human Rights League of the Horn of Africa highly condemns the federal armed force, as well the Oromia regional state militia, for their fascistic acts against these two individuals and calls upon the Ethiopian government to bring the killers to justice. The Government of Ethiopia should also explain the situation to the world community particularly to the UN Human Rights Council that it is a member of.
The HRLHA calls upon regional and international donors, UN member states and Organizations to take measurable steps against the Ethiopian TPLF/EPRDF government for its persistent brutal, dictatorial, and suppressive actions against civilians. It also urges all national, regional and international diplomats, donor countries and organizations and human rights groups to join hands in putting pressure on the Ethiopian government so that it invites immediately neutral body to investigate the human rights situation in the country.
BACKGROUNDS:
The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) has reported (May 1st and 13th, 2014, urgent actions, www.humanrightleague.orgon the heavy-handed crackdown of the Ethiopian Federal Government’s Agazi Special Squad and the resultant extra-judicial killings of 34 (thirty-four) Oromo nationals, and the arrests and detentions of hundreds of others. Amnesty International in its most recent report on Ethiopia – “Because I am Oromo – Sweeping repression in the Oromia region of Ethiopia” – has exposed how Oromo nationals have been regularly subjected to arbitrary arrest, prolonged detention without charge, enforced disappearance, repeated torture and unlawful state killings as part of the government’s incessant attempts to crush dissent.
RECOMMENDED ACTION: Please send appeals to the Ethiopian Government and its concerned officials as swiftly as possible, in English, Amharic, or your own language expressing:
  • explanation for its brutal and fascistic action against citizens and invite immediately nutria body for investigation
  • the Ethiopian authorities to ensure that the killers are brought to justice immediately
Send Your Concerns to:
  • His Excellency: Mr. Haila Mariam Dessalegn – Prime Minister of Ethiopia
P.O.Box – 1031 Addis Ababa
Telephone – +251 155 20 44; +251 111 32 41
Fax – +251 155 20 30 , +251 15520
  • Office ofOromiya National Regional State President Office
Telephone –   0115510455
  • Office of the Ministry of Justice of Ethiopia
PO Box 1370, Addis Ababa, Ethiopia Fax: +251 11 5517775; +251 11 5520874 Email: ministry-justice@telecom.net.et
Copied To:
  • Office of the UN High Commissioner for Human Rights
United Nations Office at Geneva 1211 Geneva 10, Switzerland Fax: + 41 22 917 9022 (particularly for urgent matters) E-mail: tb-petitions@ohchr
  • Human Rights Treaties Division (HRTD)
    Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR)
    Palais Wilson – 52, rue des Pâquis
    CH-1201 Geneva (Switzerland)
    : +41 22 917 97 06
    Fax: +41 22 917 90 08
    E-mail: cat@ohchr.org
  • Secretariat contact details
Secretariat of the Subcommittee on Prevention of Torture
Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR)
Palais Wilson – 52, rue des Pâquis
CH-1201 Geneva (Switzerland)
Mailing address
UNOG-OHCHR
CH-1211 Geneva 10
Switzerland
Tel:  +41 22 917 97 44
Fax: +41 22 917 90 22
  • Committee on Enforced Disappearance (CED)
    Human Rights Treaties Division (HRTD)
    Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR)
    Palais Wilson – 52, rue des Pâquis
    CH-1201 Geneva (Switzerland)
Mailing address
UNOG-OHCHR
CH-1211 Geneva 10 (Switzerland)
Tel.: +41 22 917 92 56
Fax: +41 22 917 90 08
E-mail: ced@ohchr.org
  • Office of the UNHCR
Telephone: 41 22 739 8111
Fax: 41 22 739 7377
Po Box: 2500
Geneva, Switzerland
  • African Commission on Human and Peoples‘ Rights (ACHPR)
48 Kairaba Avenue, P.O.Box 673, Banjul, The Gambia.
Tel: (220) 4392 962 , 4372070, 4377721 – 23 Fax: (220) 4390 764
E-mail: achpr@achpr.org
Office of the Commissioner for Human Rights
  • Council of Europe
F-67075 Strasbourg Cedex, FRANCE
+ 33 (0)3 88 41 34 21
+ 33 (0)3 90 21 50 53
  • U.S. Department of State
Laura Hruby
Ethiopia Desk Officer
U.S. State Department
HrubyLP@state.gov
Tel: (202) 647-6473
  • Amnesty International – London
Claire Beston
Claire Beston” <Claire.Beston@amnesty.org>,
  • Human Rights Watch
Felix Hor
“Felix Horne” <hornef@hrw.org>