Saturday, February 15, 2014

Finfinnee bal’isuu, Oromiyaa jigsuu, Oromuummaa balleessu

Finfinnee bal’isuu, Oromiyaa jigsuu, Oromuummaa balleessu

By Hawi Chala | February 14, 2014
Hawi ChalaMagaalaan Finfinnee namicha harkaa fi harma muruun bekkamu, Minilik 2ffaan erga hundoofte kunoo har`a waggaa 128 ta`ee jira. Yeroo sanaa kaasee hamma ammaatti Finfinneen teessoo mootummoota abbaa irree(dictator) biyya Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiran ta`un tajaajilaa jirti. Ummanni haandhuraa fi naannawaa Finfinnee jiraachaa ture ummata Oromooti. Hundeffama magaalaa gudditti biyya Itiyoophiyaatti aansuun rakkinni fi gadadoon saba guddaa kana irratti gahee fi ammas gahaa jiru baayyee sukkaneessaa dha.
Namichi Miniliik II jedhamu teessoo isaa erga Finfinnee godhate booda hojiin inni raawwate saboota(lammiwwan) isaa kaabaa Itiyoophiyyaati gara giddu-gala biyyatitti godaansisuu ture. Godaansa kanaan ummanni saba Seemii lakkoofsaan hedduu ta`an Finfinnee fi naannawaa ishii qubatan. Saboonni biroos sababa daldalaa fi haala jireenya mijaawaa barbaaduuf jecha gara Finfinnetti akka malee godaananiru. Yeroo kanaa kaaseeti baayyinni ummata Oromoo Finfinnee fi naannawaa ishii jiraatu haala nama ajaa`ibuun lakkoofsi isaa gadi bu`aa kan dhufe.
Ragaan waggoota muraasa dura Waajjira giddu-gala staatistikii Itiyoophiyaa(Central statistic agency of Ethiopia) maxxanfame akka agarsisuutti baayyinni ummata Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatu 19.51% qofa dha. Parsantiin saddeetamaa (80%) sabni Finfinnee keessa jiraatu kan Oromoo hin taane dha. Ragaa kana irraa hubachuun akka danda`amutti sabni Oromoo akkaataa nama gaddisisuun biyya abbaa isaa kan haandhurri isaa itti awwaalame irraa dhabamsiifamaa akka jiru dha.
Yeroo waa`ee Finfinnee yaadu gaaffiin yeroo baayyee sammuu koo keessa deddebi`u tokkootu jira.Ummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraachaa ture parsantii guddaan yeroo ammaa kana hin jiru.
Ummanni kun eessa jira amma? ykn eessa deeme?
Karaa mataa kotiin deebiwwan lama gaaffii kanaaf ta`uu danda`u jedhu akka armaan gaditti dhiheessa.
  1. Mootummoota abbaa irree biyyatti yeroo gara garaa bulchaa turaniin ykn bulchaa jiraniin dirqisifame naannoo isaa gadhise akka godaanu taasifameera. (displacement)
  2. Dhibbaa (pressure) ummanni Habashaa karaa aadaa,afaanii fi amantiitin ummata Oromoo irratti godhaniin ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka dhabu godhameera.(Identity loss).
Shirri kun hundi saba Oromoo irratti raawwatameera;raawwatamaas jira.  Ji`a muraasa dura mootummaa cunqursaa Wayyaaneetiin dizaayiniin magaala Finfinnee babal`isuuf dhiyaate fi booda akka hojiirra olu ragaasifame kan baayyee nama riifachisu fi cittoo irratti fanxoo kan nama jechisisu dha.  Jaarraa (bar-dhibbee) 21ffaa kana keessa ummanni addunyaa qaroomiina irraan kan ka`e ummatoota jalqaba biyya tokko keessa jiraachaa turaniif (Indigenous people) kunuunsa gochaa jiru,akkasuumas madaalli naannoo(ecology) tursisuuf kunuunsaa fi eguumsa adda ta`e biqiltootaa fi bineensotaaf gochaa jiru. Karaa faallaa (fuggisoo) ta`en mootummaan Wayyaanee shirri inni kanaan dura ummata Oromoo naannoo Finfinnee jiraatu irratti raawwate gaha otoo hin jedhiin maastar pilaanii(master plan) haaraa qopheessuun aadaa, afaanii fi eenyummaa Oromoo  akkasuumas bosonaa fi qabeenya uumamaa Oromoon qabu caalatti dhabamsiisuuf bifa haaraatin duula cimaa gaggeessuuf qophaahaa jira.
Akkaataa diizaayinii haaraa hojii irra oluuf qophaahaa jiru kanaan magaalonni fi aanoonni Finfinnee irraa fageenya kiloomeetira 100 irratti argaman hundi magaalaa Finfinnee jala galu. Mastar pilaanii(Maser Plan) kun dhugumatti hojii irra ola taanaan yeroo kamiyyuu caala ummanni Oromoo rorroo fi gidiraa daangaa hin qabneef saaxilama. Rakkoowwan ijoo(main) mastar pilaaniin kun ummata keenyatti fiduu danda`an akka armaan gaditti ibsuu yaala.
1. Hiyyuummaa babal`isa 
Kana jechuun sababa investimantii fi babal`ina magaalaatiin ummanni Oromoo lafa qonnaa isaa ni dhaba. Gali guddaan qote bulaan Oromoo qabu oomisha lafa qonnaa isaa irraa argatu dha. Lafa qonnaa isaa dhabe taanaan oomisha oomishuu hin danda`u. Sababa kanaan kan ka`e galii argachuuf jecha invastimantii lafa qonnaa isaa irratti hundeffameen waardiyyaa ta`uuf dirqama. Dabalataaniis hojii humnaa (labour) garaagaraa barbaachuuf gara magaalaatti godaanuun jireenya gadadoo fi hiyyuumaan guuttame jiraachuuf saaxilama.
2. Diigamuu maatiif sababa ta`a
Kana jechuun immoo qotee bulaan tokko lafa qonnaa isaa erga dhabee galii adda ta`e tokko waan hin qabneef jireenya isaa mo`achuuf jecha qe`ee isaa gadhisee godaanuuf dirqama. Maatiin isaas bifa walfakkaatuun sababa jireenyaatiif jecha faffaca`uun waan nama wal gaafachisu miti.
3. Barattoota fi hojjattoota Oromoo irratti dhibbaa xin-sammuu (Pyschological impacts) hagana hin jedhamne fida.
Afaan barattoonni Oromoo nannawaa Finfinnee jiran mana baruumsaatti ittiin baratani fi waajjiraaleen mootummaa kan dhimma itti bahaan Afaan Oromoo (Oromiffa) dha. Finfinneen haala amma deemaa jiruu kanaan ni bal`atti yoo ta`e aadaa fi afaan saba biraatu wajjiin guddachaa adeema. Manneen barnootaa fi waajjiraaleen naannoo Oromiyaa keessa turan hundi tajaajila kan kennan afaan hojii mootummaa feederaalaa,afaan Amaariffaatin ta`a.  Kun immoo barattoota keenyaaf gufuu guddaa ta`uun baruumsa isaanii irratti dhibbaa cimaa ta`e fida.  Afaan alagaatiin baruumsa barachuun barattoota Oromoo irratti rakkina xin-sammuu daangaa hin qabne fida. Haaluma wal fakkaatuun hojjattonni waajjiroolee garaagaraa keessa Afaan Oromootiin tajaajila kennaa turan diigamuu bakka hojii isaanii irraan ka`e hojii kan biraa barbaaduuf saaxilamu. Hojiin biraa argamuu danda`uus afaan alagaatiin ta`a.  Kuniis miidhaa mataa isaa danda`e qaba.
4. Eenyummaa Oromoo balaa irra buusa
Akkuma armaan dura ibsuu yaaleetti Oromoon Finfinnee keessa jiraatu sababa adda addaatiin eenyummaa isaa akka dhabe dha. Sababa guddina magaalaatiini fi shiira adda ta`e mootummaa wayyaanee qopheessee kanaan dizaayiniin magaalaa Finfinnee bal`isuun hojii irra ola taanaan eenyummaan Oromoo yeroo kam iyyuu caala balaa irra bu`a.  Aadaan,afaan,amantiin fi eenyummaan saba habashaa dagaagaa yeroo adeemu kan Oromoo immoo laafuu fi dhabamuuta`a.
Shiira mootummaa Wayyaaneetiin ademaa jiru kana ykn maastar pilaanii magaalaa Finfinnee haaraa kana akkamitti dura dhaabachuun danda`ama?
Ummanni Oromoo maal gochuu qaba?
Ummanni Oromoo yeroo kam iyyuu caala tokkummaa isaa jabessee wal faana dhaabachuu kan qabu yeroo ammaa kana. Tokkummaan sabni keenya shiira nurratti deemaa jiru ittisuuf agarsiise ibsuuf seenaa yeroo dhihoo «Boycott Bedele» yaadachuun gahaa dha. Tokkummaan humna. Yoo walii galan; alaa galan akkuma jedhamu garaagarummaa qabnu akkuma jirutti waliif dhiisnee dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti harka wal qabannee wal faana dhaabachuun dirqama lammii keenya hundaati. Tokkummaan yoo kaane sagalee keenya sadarkaa addunyaatti dhageessisuu dandeenya. Yoo nuti tokkoomne dha, gurra hawaasa adduunyaa argachuu kan dandeenyu. Kanaafuu sabni Oromoo kan biyya keessaa fi biyya hambaa jiru gurmuun wal jabeessee shiira mootummaan Wayyaannee ummata Oromoo lafa irraa dhabamsisuuf gochaa jirtu kana dura dhaabbachuu qaba jedha. Jirbiin wal gargaartee arba hiti (Mixiin wal-qabattee laga ceeti)jedhama mitiree;tokko taane haa falmannu.
Injiffannoon saba cunqursaa jala jiruuf haa ta`u!!!
Maastar plaani magaala Finfinnee haara wordpox kana keessati argachuu ni dandeechu
Hawi Chala (hhunduma@yahoo.com)

Thursday, February 6, 2014

Ahmed Nejash of OPC, Another Oromo Dies in Woyyane Prison

Kenya: Arrest and Disappearance of Ethiopian Oromo Refugees

Kenya: Arrest and Disappearance of Ethiopian Oromo Refugees

HRLHA FineHRLHA: Urgent Action

February 5, 2014
The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) expresses its deep concern regarding the safety of four Oromo refugees from Ethiopia who were arbitrarily arrested by Kenyan anti-terrorist squad from Isili area in Nairobi on different dates of operations and taken to unknown destinations.
According to information obtained through HRLHA correspondent in Nairobi, Mr.Tumsa Roba Katiso, (UNHCR attestation File#: NETH033036/1) was arrested by members of Kenyan anti-terrorist squad, who arrived at the scene in two vehicles, on February 1, 2014 at around 10:00 AM from 2nd Street in the Isili locality in Nairobi on his way home from shopping. The other three refugees, Mr. Chala Abdalla, Mr. Namme Abdalla, and the third person whose name is not known yet were picked up from their home which is located in the same Isli area in Nairobi, Kenya on February 3, 2014 by members of the same anti-terrorist squad of Kenyan. The whereabouts of those Ethiopian-Oromo refugees is unknown until the time of compilation of this urgent action.
The HRLHA is highly suspicious that those Ethiopian-Oromo refugees might have been deported to Ethiopia. And, in case those Ethiopian-Oromo refugees have been deported, the Ethiopian Government has a well-documented record of gross and flagrant violations of human rights, including the torturing of its own citizens who were involuntarily returned to the country. The government of Ethiopia routinely imprisons such persons and sentences them to up to life in prison, and often impose death penalty. There have been credible reports of physical and psychological abuses committed against individuals in Ethiopian official prisons and other unofficial or secret detention centres. Under Article 33 (1) of the Convention Relating to the Status of Refugees (189 U.N.T.S. 150), to which Kenya is a party, “[n]o contracting state shall expel or forcibly return a refugee in any manner whatsoever to the frontiers of territories where his life or freedom would be threatened on account of his . . . political opinion.” This obligation, which is also a principle of customary international law, applies to both asylum seekers and refugees, as affirmed by UNHCR’s Executive Committee and the United Nations General Assembly. By deporting the four refugees and others, the Kenyan Government will be breaching its obligations under international treaties as well as customary law.
  1. Under the Convention against Torture and Other Cruel, Inhuman or Degrading Treatment or Punishment (1465 U.N.T.S. 185) to which Kenya acceded in 1997, Kenya has an obligation not to return a person to a place where they face torture or ill-treatment. Article 3 of the Convention against Torture provides:No state party shall expel, return (“refouler”) or extradite a person to another state where there are substantial grounds to believe that they would be in danger of being subjected to torture.
  2. For the purpose of determining whether there are such grounds, the competent authorities shall take into account all relevant considerations including, where applicable, the existence in the state concerned of a consistent pattern of gross, flagrant or mass violations of human rights. We strongly urge the government of Kenya to respect the international treaties and obligations it has signed.

Background Information:

The Kenyan Government is well known for handing over refugees to the Ethiopian Government by violating the above mentioned international obligations. It is very disheartening to recall that Engneer Tesfahun Chemeda, who died on August 24, 2013 in Ethiopia’s grand jail of Kaliti due1 to torture that was inflicted on him in that jail, was handed over to the Ethiopian Government Security Agents in 2007 by the Kenyan Government. Tesfahun Chemeda was arrested by the Kenyan anti-terrorist forces, along with his close friend called Mesfin Abebe, in 2007 in Nairobi, Kenya, where both were living as refugees since 2005; and later deported to Ethiopia. The Ethiopian Government detained them in an underground jail in a military camp for over one year, during which time they were subjected to severe torture and other types of inhuman treatments until when they were taken to court and changed with terrorism offences in December 2008. They were eventually sentenced to life imprisonment in March 2010. (Mesfin’s death sentence was later commuted.)
The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) is highly concerned about the safety and security of the above listed refugees who were recently arrested by the Kenyan anti-terrorist forces; and for those who are still living in Kenya. It urges the government of Kenya to respect the international treaties and obligations, and unconditionally release the arrested refugees, and refrain from handing over to the government of Ethiopia where they would definitely face torture and maximum punishments. It also urges all human rights agencies (local, regional and international) to join the HRLHA and condemn these illegal and inhuman acts of the Kenyan Government against defenseless refugees. HRLHA requests the governments of the Western countries as well as international organizations to interfere in this matter so that the safety and security of the arrested refugees and those refugees currently staying in Kenya could be ensured.

RECOMMENDED ACTION:

Please send appeals to the President and Deputy President of the republic Kenya and its concerned officials as swiftly as possible, in English, or your own language expressing:
  • concern at the apprehension and fear of deportation of the refugees who are being held in unknown detention since they were arrested, and calling for their immediate and unconditional release;
  • Urging the authorities of Kenya to ensure that these detainees are treated in accordance with regional and international standards on the treatment of prisoners.

To:

  1. His Excellency Uhuru Kenyatta, President of the Republic of Kenya
    P o. Box 74434-00200 Nairobi, Kenya , Tel: 254 203 247000
  2. His Excellency William Ruto , Deputy president of the Republic of Kenya
    Email: The Deputy president@ODP-Kenya OR dp@deputypresident.go.ke

Copied to:

UNHCR main office Geneva, Switzerland.
United Nations High Commissioner for Refugees
Case Postale 2500
CH-1211 Genève 2 Dépôt
Suisse. telephone number: +41 22 739 8111
Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR)
Palais Wilson, 52 rue des Pâquis
CH-1201 Geneva, Switzerland, Telephone: +41 22 917 9656
E-Mail: civilsocietyunit@ohchr.org
African Commission on Human and Peoples‘ Rights (ACHPR)
48 Kairaba Avenue, P.O.Box 673, Banjul, The Gambia.
Tel: (220) 4392 962 , 4372070, 4377721 – 23
Fax: (220) 4390 764
E-mail: achpr@achpr.org
Office of the Commissioner for Human Rights Council of Europe
F-67075 Strasbourg Cedex, FRANCE
Tel: + 33 (0)3 88 41 34 21
Fax: + 33 (0)3 90 21 50 53
U.S. Department of State
Laura Hruby
Ethiopia Desk Officer
U.S. State Department
HrubyLP@state.gov Tel: (202) 647-6473
Amnesty International – London
Clairy Beston
Telephone: +44-20-74135500
Fax number: +44-20-79561157
Human Rights Watch
Leslie Lefkow
Tel: +1-212-290-4700
Fax:+1-212-736-1300
Email: hrwnyc@hrw.org

1. The Government is accountable for the death of a polit

VOA: Oromo Prisoners of Conscience Continue to be tortured in Ethiopia...

Sunday, February 2, 2014

Qeerroo.org: Mooraan Yuuniversitii Haromayaa Goolame – Barattooti Hedduun Nyaata Summaaye Nyaachuu Irraan Miidhaman

Qeerroo.org: Mooraan Yuuniversitii Haromayaa Goolame – Barattooti Hedduun Nyaata Summaaye Nyaachuu Irraan Miidhaman

Posted: Guraandhala/February 2, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (2)
Mooraan Yuuniversitii Haromayaa Goolame - Barattooti Hedduun Nyaata Summaaye Nyaachuu Irraan Miidhaman
Mooraan Yuuniversitii Haromayaa Goolame – Barattooti Hedduun Nyaata Summaaye Nyaachuu Irraan Miidhaman
(Qeerroo.org) – Diddaa barattooti Yuuniversitii Haromaayaa kaasaniin wal qabatee guyyaa har’aa sirni abbaa hirree mootummaa Wayyaanee baraa gara baraatti barattoota mala adda addaan fixuu aadeffate har’as caalmaatti jabeeffatee itti fufee jira. Haala kanaa har’a 31/1/014 dallaa university Haromayyaa keessatti nyaata barattootaa keessatti summii lubbuu dabarsaa makuun barattootni nyaata kana nyaatan kumaatamni miidhaan guddaa irra gahuun kan mana yaalaa seenan yoo tahu, kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsi isaanii tilmaamaan ja’a tahan lubbuun akka darbee jiruus dhagahamaa jira. Barattootni mana yaalaa galan illee lubbuu darbuu irraa akka hin baraaramne dhagahamaa jira. Kanneen maqaan isaanii adda hin bahiinii fi haala gabaasa kanaa jala jalaan kan gabaafnu tahuu gamanumaa Qeerroon hubachiifna.

Ethiopian prisoner of conscience Mr Bekele Gerba life in danger due to lack of medical care



Ethiopian prisoner of conscience Mr Bekele Gerba life in danger due to lack of medical care
Share this on:
 E-mail
913
VIEWS
1
COMMENTS
236
SHARES
About this iReport
  • Not vetted for CNN

  • Click to view Gizee1's profile
    Posted 5 hours ago by
    Gizee1 
    Location 
    Addis Ababa, Ethiopia
    More from Gizee1

    Ethiopian prisoner of conscience Mr Bekele Gerba life in danger due to lack of medical care

     
    Mr Bekele Gerba Ethiopian prisoner of conscience and lecturer in Addis Ababa University life is in danger due to lack of medical care. He has served the 3 year and 6 months imprisonment almost one month ago. However, he is still suffering in notorious Ethiopian prison with serious ailment because Ethiopian government doesn’t want to release him even after he has served his time behind the bar. Mr Bekele is a father of four young children who needs him most this time.


    In the interview with local radio Afuura Biyyaa, his daughter Ms. Bontu Bekele clarified the problems she observed while visiting her father recently. She told the journalists ‘’more than 200 prisoners of conscience in the same prison are suffering from similar ailment.’’ The probability of having contagious disease in that cell shades dark light on the life all prisoners as all of them are suffering from similar symptoms like; night sweats, body fatigue, weight loss and heavy fever. The families of Mr. Bekele are left helpless as their mother has also lost her job due to political views of her husband which resulted in his imprisonment and immediate suspension of his wage from the day he was arrested. Ms. Bontu pledged all humanitarian and international community to put pressure on Ethiopian government to save her father’s life.

    The following paragraph is quoted from Mr. Bekele’s speech in court after hearing his fine.

    "I have dedicated my life to fight injustice, inequality, racism and oppression with passion. Not by my choice but by the will of God I was born as an Oromo. To fight for the human rights dignity and equality of my people by peaceful means and pay any price for this struggle is an honor for me. If I have to ever apologize in this life I dedicated for the struggle it is only for two things. One, if I chose not to speak spoken against the sufferings and anguish of Oromo people enough and if my motive in hiding this suffering was for a lesser purpose than the brotherhood of all people, I will ask the Oromo people to forgive me. Second, if I have ever exaggerated the injustice against the Oromo people and I did this to gain personal fame and fortune, I will ask God to forgive me. ~ Bekele Gerba

    #FreeBekeleGerba