HomeNews
Godina Arsii magaalaa Dheeraatti namoonnii 50’n hidhaman.
OMN:Oduu Onk.07,2015 Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa Dheeratti, namoonni shantama hidhamuu isaanii himame.
Manniin jiraattotaa kudha afur ammoo diiggamaa akka ooles, jiraattonni OMN tti himan.
...

Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa Dheeraa keessatti, tibba kana ijaarsa seeraan alaa manniin jechuun, wayta bulchitoonni aanichaa manniin jiraattotaa diigaa turanitti, mormii ka’een lubbuun namootaa darbee ture.
Qondaalota mootummaa biyya bulchaa jiruun, diggamiinsi manneenii guyyaa hardhaa jechuun Onkololeessa 7 bara 2015 itti fufee akka ooles jiraattonni magaalatii dubbatanii jiru.
Manniin jiraattotaa wayta diiggamaa jirutti, manni keenya nu jalaa diiggamuu hin qabu jechuun, jiraattonni mormii dhageesisaniin, haga ammaatti namoonni hedduun, humnoota poolisii Federaalaatiin qabamanii waajjira buufata poolisii magaalaa Dheeraa keessatti hidhamuu isaanii jiraataan magaalatti tokko OMN tti himan.
Bulchitoonni aanichaa manniin jiraattotaa diigaa jiraachuu itti fufanii jiru kan jedhan namni kun, guyyaa hardhatis manneen kudha afur jiraattota jalaa barbadaayee jira.
Jiraattonni magaalaa Dheeraa manneen isaanii diiggamee ture hedduun, qabeenyaa fi manni isaan ijaaratan waan jalaa manca’eef, mufii qaban dhageesisaa akka jiranillee namni kun dubbatanii jiru.
Wayta ammaa kana magaalaan Dheeraa poolisoota Federaalaatiin guutaamntee waan jirtuuf, namoonni socho’uudhafis rakkataa jiru jedhan.
Namni kun akka nuuf himanitti, rakkoolee magaalaa Dheeraa keessatti dhalatee jiru ilaalchisee, jiraattonni magaalattii gara qaama dhimmi ilaalutti iyyachuufillee caarraa hin arganne jedhan.
Jiraattonni kun akka himaa jiranitti, manneenii fi qabeenyi isaan horatan, osoo ijaan argaa jiranitti manca’uu hin qabu jechuun wayta mormii dhageesasanitti, qaama isaan dhagahuu fi, furmaata kennuuf dhabanii rakkataa jiru.
Magaalaa Dheeraa keessatti, haalli ammaan kan muldhataa jiru gar-malee yaaddessaadha kan jedhan namni kun, sa’aatii murtaayeen alatti namni kamuu magaalaa keessa socho’uu akka hin dandeennes ibsanii jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun, Onkololessa 5 bara 2015 ijaarsa seeraan alaa manneenii jechuun, wayta bulchitoonni aanichaa manniin jiraattotaa diigaa turanitti mormii dhalateen, namoonni sadii lubbuun darbuu isaanii kan jiraattonni himan gabaasnee turreerra.
Usmaan Ukkumeetiin gabaafame.
#BECAUSEIAMANOROMO#OROMOPROTEST#OROMOPROTESTSETHIOPIAFINFINNEE MASTER PLANUN