Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa, Muddee 11,2014
diddaa9Yuuniversitii Bulee Horaa, addeessu itti guyyoota lamaan dura Qeerroon mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa waraqoota qabsoo balaliituu mooraa keessa tamsaasuun isaa waan yaadatamuudha, akka gabaasni nu gahe ibsaa jirutti waraqaan hedduun kan mooraa keessatti bittimfamee bule mirgi uummata Oromoo haa kabajamu, gaaffiin uummata barattootaa deebii haa argatu, hanga kun deebiin mootummaa biraa itti kennamutti barumsa akka hin baranne, gaaffiin mirgaa deebii kennamuufii qaba jechuun barattootni nyaata akka lagatan.
Muddee 10/2014 barattootni mooraa guutummaan nyaata lagachuudhaan mooraa keessatti gaaffiin uummata Oromoo deebii hanga mootummaan itti kennutti barumsas tahe nageenyaan tasgabboofnee mooraa keessa jiraachuu akka hin dandeenye ibsa kennaa akka turan gabaasni Qeerroo har’a nnu gahe addeessa. Kanumaan itti fufuudhaan motummaan Wayyaanee har’a akeekkachisa kennuuf murtoo keessa kan seenaa jiru barattootni addatti barattootni Oromoo Yuuniversitii keessa jiran fincila kaasuudhaaf waamicha waliif taasisaa waan jiranif dursanii of qopheessuu caasaa isaa mooraa yuuniversitii hundaatti beeksisuun gama caasaa mootumaan dhagayamaa jira, sochiin barattoota Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti yeroo ammaa adeemsifamaa jiru dhimmoota gaaffii mirga uummata Oromoo kabachiisu fi hidhamtootni akka bahan, lafti Oromoo fi Oromiyaa gurgarmuu fi saamichia akka dhaabbatuuf gaaffii kaasuun kan wal qabate sochiin fincilaa mul’ate hanga uummata naannichaa kaasutti argame, qote bulaanis barattoota deggeruuf of qopheessee ka’u gabaasni nu gahe addeessa.